Bareeffaama asi gaddii jalaa iddoo Install jedhu xuquu buufadha akkataan hojii isaa yoo si rakkisee keessan nu dubbisii
Abbaa Manaa Abshaala
Addunyaa kanarraa waan maallaqni hin goone muraasatu jira. Garuu, warreen muraasni sun wantoota namoonni tasumaa dhabuu hin qabneedha.
Shamarreen taate tokko afaaniin hin dubbatattu yoo ta’ellee, yeroo kamittuu kanisheen filattu nama maallaqa qabudha natti fakkaata. Kun baay’ee filannoo gaariidhas jedheen amana. Garuu birrii sana keessaa waan hundumaa argachuu ni danda’uu? Kan jedhummoo gaaffii kooti.
Eeyyee dureessi, konkolaataa gaarii ni bita; mana gaarii ni ijaara; kopheefi uffata, akkasumas nyaata filatamaa bituu danda’a. Garuu, namni dureessatti hin heerumne, mana ilaalchaaf hin hawwanne keessa jiraata; garuu mana. Uffata hawwataa hin taane ni uffata; garuu uffata. Nyaata gaarii hin taane nyaata; garuu nyaata. Gammachuun dhugaan egaa wantoota olii kana keessaa argamaa?
“Maallaqni abbaa manaarraa argatan, amala fokkisaa abbaan manaa qabu miidhagsuu ni danda’aa? Umurii abbaa manaa xiqqeessee hiriyaa keenya gochuu danda’aa? Jaalala namni maallaqa hin qabne tokko nu jaallate, nama sana keessatti argamsiisuu danda’aa?

Galgala taa’ee akka nuti maallaqaasaa ilaallee itti heerumne yoo yaadu nun taajjabuu? Amma utuu maallaqni sun hunduu dhumee maalin ilaalee nama kana bira tura? Namoonni waa’ee jaalalaa yoo haasa’an ija guutee waa’ee jaalalaa haasa’uu nan danda’aa?” jettanii yaaduun ni dursa.
Konkolaataa miidhagduu tokko konkolaachiftaniittu; namnis isiniif jajeera haa jennu. Achii boodawoo egaa? Mana keessanitti hiriyoota keessan hafeertanii ajab jedhaniiru haa jennu; achii boodawoo?
“Abbaa manaa gowwaan haadha manaa isaaf waggaatti si’a tokko konkolaataa bitaaf; abbaan manaa abshaalli ammoo guyyaa guyyaatti abaaboo tokko tokko bitaaf.” Jedha barreessaan tokko.
Kanaafuu jaalalli, waan guddaa gochuun utuu hin taane wantoota xixiqqoo yeroo baay’ee jaalalaan nuuf godhamuun ifa.
Abbaan manaa keessan dureessa haa ta’u; garuu dureessi abbaa manaa keessan hin ta’in! Namatti heerumuun gaariidha. Yoos namni sun nu waliin tura. Maallaqatti yoo heerumtan garuu, isin dhiisee deema. Utuunni isin dhiisee hin deemin isinuu gaaf tokko dhiistanii deemuufis jirtu. Jireenyi namuma waliin bareeda!