Jaalalli dirree lolaa miti!
Yeroo jaalalli gammachuu dhabuu keetiif sababa ta’u, sana booda hariiroo addan kutuun gamnummaadha. Jaalalli waa’ee safuu dhabuu fi waa’ee waan argame hundatti ijaa jabaachuu fi waan jaallatte sana irratti cichuu utuu hin taane; waa’ee seera namoomaa, waa’ee kabaja lubbuu ofii, waa’ee safuu fi daangaa jireenyaa eeguuti. Yeroon, humni fi simannaan onnee booddeetti deebi’uu hin danda’u. Namoota carraaqqii kee, argamuu kee, nagaa sanaaf qabsaa’uu kee, gati-dhabeessa godhu biratti hin qisaaseessin. Nama jireenya isaa keessatti argamuu kee hin dinqisiifanne ykn amanamummaa kee hin fakkaanne, adabbiin guddaan inni adabamuu danda’uuf qabu isa dhiistee guutummaatti jireenya isaa keessaa ba’uu kee qofa.
Nagaa kee tiksuuf namoota/ nama ati jaallattu garuu kan seeqachuu keetiif hin dhimmamnne, yoo aarsaa goote yaadannoo hunda booddeetti deebisuu ni dandeessaati daangaa kee dursa godhi. Kun waa’ee ofittummaa yookiin carra-dhabeessa ta’uu utuu hin taanee; waa’ee nagaan jiraachuuti, waa’ee jaallachuu danda’uuti, garuu waa’ee lubbuu yookiin qaama jaallattuuf guutummaatti hatamuu diduuti. Jaalalli waa’ee guyyaa keetti gammaddee bilisummaa yaadaa argachuuti!Jaalalli iddoo ati gahaa ta’uu kee namaaf mirkanneessuuf of komattu, falmitu yookiin dadhabdu utuu hin taane; iddoo akkuma jirtutti gahaa taate fudhatamuu fi jaalatamuuti.
Jaalalli waa’ee jeeqamsa miiraa fi sodaa keessootti nutti dhaga’amu utuu hin taane; waa’ee nagaan kee raafamuu dhabuu, seequun kee bakka gadi dhiisuu dhabuuti. Jaalalli iddoo kolfi kee itti laafu utuu hin taane; iddoo humni gammachuu kee itti dabalamuudha!Jaalalli dirree lolaa miti, humna kophaatti boo’uuf si dirqus miti. Jaalalli waa’ee kophaatti madaa’u utuu hin taane; waa’ee yeroo inni gara miidhaatti jijjiiramu hubatte gadi dhiisuu beekuti. Jaalalli kutaa xiqqoo jeequmsi, tasgabbiin, aariin, seeqni, dadhabbiin, yaaduun, nagaan, dhukkubni fi gammachuun keessatti wal-makaa ta’ee argamu keessatti, akkataa hubannaan kee irratti ijaarameen keessa jiraachuu filattuudha. Gammachuun iddoo fi haala utuu hin taane namadha!

Love is not a battlefield!
When love is the cause of your unhappiness, then it is blissful to end a relationship. Love is not about immorality and about being stubborn to whatever is found and sticking to what you love; it’s about humanitarian law, about respect for one’s life, about decency and the boundaries of life. Time, energy and heartfelt welcome cannot be reversed. Don’t waste it around people who make your efforts, your presence, your fight for that peace, worthless. Someone who doesn’t appreciate your presence in their life or doesn’t seem to be faithful to you, the only major punishment they can deal with is that you leave them and walk out of their lives completely.
To keep your peace with people/ someone you love but who doesn’t care about your laughter, if you sacrifice you can put all memories behind you and put your boundaries first. This is not about being selfish or unfortunate; it’s about being safe, it’s about being able to love, but it’s also about refusing to be totally stolen for the soul or body you love. Love is about enjoying your day and having freedom of thought!
Love is not a place where you blame yourself, argue or fail to prove to others that you are enough; it is a place where you are accepted and loved enough as you are. Love is not about the emotional turmoil and fear we feel internally; it’s about your peace not being shaken, your laughter not letting go of space. Love is not a place where your smile fades; it is a place where your joyful energy is added!
Love is not a battlefield, nor is it a force that forces you to cry alone. Love is not about lonely wounds; it’s about knowing to let go when you notice it turning abusive. Love is a small room where you choose to live in a mixture of chaos, calm, anger, laughter, fatigue, thought, peace, pain and happiness, according to the way your understanding is built. Happiness is not a place or a situation but a person!