Miss Oromia 2025

Yeroo wayii yoon dagachuu baadhe guyyaa sanbata xiqqaa ta’ee dilbata waaree booda karaa tv sagantaa Bareedduu Oromiyaa wayii ni darba ture.

Namoonni gurguddoon sagantaa sana ilaalan “bareeda shamarran sanaa miilaa haga rifeensaatu ilaalama, dheerina morma ishee, bareedaaf wal qixxeenya, addeenya ilkaan ishee, seeqa ishee, ija gurguddina ishee, deemsa ishee, qeensa harkaaf miila ishee, quba dheedheerachuu ishee, mudhiin qabaa harkaa ta’uu isheef kkf…

Intalli bareedduun takka ollaa keenyaa dorgommii sanatti hirmaachuu ishee nan yaadadha. Intalli gogaan qaama isheetuu qubaan tuqanii waan citu fakkaatti. Isheen garuu kurnan keessaa hin seenne.

Ergasii addunyaa dorgomtoota miidhaginaa yoon ilaalu, bareeda bifaa caalayyuu dorgommichi dandeettii biraa gaafata.

Akkan hubadhetti ,tokkoffaan dandeettii dubbiiti. Afaan dubbattuun waan waltajjii sanatti baateef seeraan haalaan dubbattee of ibsuudha, waan dhufteef warra bakka buutee dhufte mul’isuudha.
Lamaffaan ofitti amanamummaadha. Waan dubbattu, waan uffattu, waan hojjettuuf agarsiifturratti.
Sadaffaan bilchina, karoora, galma.
Bilchinni waan addunyaan dorgommii kanaa barbaadu guutuuf dhiisuu isheerratti hagam of bilcheessite? Hagam irratti of qopheessite? Dorgommii kanaaf karoora akkamii qabattee dhufte? Eessaan geessee yoo kufte itti gammaddi? Sana booda akkamiin itti fufuu dandeessi? Mootus moo’uu baattus galmi isee dorgommii kana boodaa hagamitti? Moo’attee maalirraan geessi? Asumatti dhaabuu moo kan caaluuf qophaa’uudha? Galmi isheen bu’aa dorgommii kanaatiin ijaartu maali?

As yoon deebi’u, dorgommii bareedduu Turizimii Oromiyaa kaleessa yeroo shanaffaaf qopheesse ilaaleen yaada kana kaase.

Ani waa’ee bareeduuf dhiisuu isaanii, waa’ee isa moo’ateef isa kufee dubbachuuf miti.
Dorgomtoota shamarran babbareedduu kudha shan uffatanii dibatanii waltajjiitti bahan argine.
Deemsi isaaniis, uffannaan isaaniis dibannaan isaaniis ni bareeda. Ishoo!
“Oromoon duruu faaya
faayaan babbareedani…”jedhe ‘Wellisaan keenya jaalannu Qamar, ammayyuu nuuf babbareedaa!
Kaayyoon turizimii kanaaf dorgommii kanaa intala shaggee kan afaan ishee, aadaa ishee, seeraaf heera ishee, sirna ishee beektu, kan of ibsuun isheen rom’isiifne, kan afaan ishee dubbachuun isheen hollachiifne, kan biyyashee, eenyummaashee, hidda ishee lakkaa’uun isheen dafqisiifne nuuf kennuu, isheen immoo kan nu barsiiftu, kan Oromiyaa bal’oo nu daawwachiiftu, kan loqoda godinoota hedduu beektee nus barsiiftu ta’uu kan dandeessu filatanii “kana bareedduun keessan” nuun jechuudha ture. Silaa nutis waan gaaffii nutti ta’iuf gara isheetti iyyannee qoranna! Deebiillee ishee biraa arganna gaafas!

Haata’u egaa! Dorgomtoonni kaleessaa Oromiyaa ibsuuf jecha afaan Oromoo “akkasumas immoo” jedhu hundi isaanii jalqabaa amma dubbii fixanitti “Akkasumas immoo” irra deddeebii jecha tokkoo!
Afaan Oromoo Oromiyaa ibsuuf hedduu mitii? Hin hanqataa?

Bareedduun Oromoo bakka buutu afaan ishee hin beektu taanaan maal barsiifti? Afaan kamiin Oromiyaa na daawwachiifti? Afaan isheen beektu, afaan saba isheen bakka buutee sabni biraa, lammiin biraa akka beekuuf isheen dura beekuun akkamitti hin barbaachifne? Afaan isheen dubbachuu dadhabde eenyutu dubbachuuf fedhii horata?

Dheengadda Wabii Kabbadaa Sirba Galaanaa Gaaromsaa “Sandaabileekoo” maqaa dhahee ture. Iccitii sirbichaaf seenaa sirbichi tuqe baruuf sirbicha irra deddeebi’een dhaggeeffadhe.
Inni afaan isaa barate, barreessee ergaa dhaammata, inni ittiin hin baranne, itti dhalatee ittin dubbatee ergaa isaa dabarfata!
Afaankee barattee beektee yoo ittiin hin barreessine, ittiin dubbachuun akkamiin si dhiba? Osoo ittiin barreessi jedhamteehoo barreesitii?

Hundaafuu Afaan iccitiidha, afaan agarsiiftuudha. Afaan eenyummaadha.
Namni isheen Oromiyaa itti naaf beeksiftu, akkamiin afaan isheen dubbii hin beekne baruu yaada? Moo afaan Oromiyaarraa adda baaftee lafa Oromiyaa naaf beeksifta? Afaan isheenuu dubbachuuf rakkatte eenyutu dhimmaaf? Erga Oromiyaa bakka buutee, maaf afaan ishee ishee rakkise? Haga of ibsuun miila jalatti urgufutti, afaan ishee dubbachuuf maa kirkirti?

Kan biraan; Oromiyaa giddu galeessaa kana ibsuuf barumaan gootni Haacaaluu Hundeessaa qofaa? Warri Haacaaluun akka Goota ta’uuf karaa saaqan seenaan hin jiruu? Guddina, seenaa bal’oo Oromiyaa himaa, seenaa tokko, sirna fuudhaaf heerumaa tokko, bakka tokko, sirna tokko, naannoo tokko qofa qabaa? Iccitii hawaasa guddaa kana keessa jiru, sirna waliin jireenya hawaasichaa, bakkawwan haaraan, hin jiranii, barumaan Jimmi biyya Bunaa qofaa? Jimmaa kan daawwatamu Jimma kan ibsu Masaraa Abbaa Jifaar qofaanii? Seenaa biraan hin qoratamuu? Bifa adda ta’een hin ibsamuu?

Wallo Warqituu qofaan, Oromiyaan Atileetota qofaan yeruma hunda irra deddeebiin ibsamtii? Seenaan keenyas biyyi keenyas erga guddoo ta’ee, haadholiin, abbootiin, foolleewwan, qeerroof qarrewwwan, bakkiwwan, taateewwan qoratamu, seenaan wajjiin taa’amee odeeffamu, dhugeeffatamu afoolli dhageettiif akka tolutti abbootiin odeeffamu, Arsii haga Gujii hin jiruu? Waanuma beeknu baraan maaf irra deddeebi’anii nutti himu! Isa bara darbee daawwanne, isa haaraa barana maaf nuun fidan?

Nuttti qoosuu dhiisaa, waggaa tokko qabdu, waan haaraadhaan, bilchina ajaa’ibaatiin, ishee dhuguma tokkooffaa taatee miliyeena badhaafamtu bareedduu Oromiyaa nuuf gochuuf ammuma jalqabaa!

Hundaafuu isheen tun ammayyuu bareedduudha! Tasgabbooftuudha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back To Top