Qeerrummaatti Fayyadamuu wayya!
Umurii dargaggummaakeetti wanta gochuu qabdu godhi. Yoo kana hin taane wanta qeerrummaakeetti gochuu qabdu sana, erga dulloomtee booda kajeelta.
Kajeeluu qofa miti akka keessaa hin baanetti dhaqxee itti lixxa. Waan qeerrummaatti gochuu qabdu sana dulluma keessa yeroo gootu ni salphatta. Ilmikee sitti qaana`a. Haati manaakee sitti yellaati. Kabanyikee sirraa mulqama.
Kanaafuu Qeerrummaatti fiigii burraaqi. Nyaadhuu dhugi. Kaasaa deemi. Sirbii durba dhungadhu. Dhungattees hin dhiisin. Bilcheessii ofis ishees qabbaneessi.
Kuni hunduu umurii dargaggummaatti tola. Erga dargaggummaan dhumtee bultii dhaabdee immoo, gammachuu fi utaalchikee haadha manaa fi ilmakee waliin sirraa bareeda.
Erga fuutee dhalchitee booda ilmakee dargaggoomsuu qabda malee, ofiidhaa dhaaba akkasii irraa fagaachuu qabda.
Jaarsa biyyaa taatee saddeeta deemuun yeroo sirraa bareedutti, qullaa buuftee of salphisuun, haamlee maatiikeetif hin tolu.
Waa malee kana hin kaafne. Bara kana afuurri ejj**umaa itti gadi bu`ee kan maraachaa jiru, Dargaggeessa miti. Jaarsoliitu safuu gate. Namoota gurguddaatu salphachaa oola!
Erga waggaa 30 ol baratee MA fi Ph.D xumuree, bultii ijaarratee, erga ilmaan babbareedoo dhalchee, Jaarsi gadi deebi`ee shamarroota umuriin kichuu waliin sagaag**ala.
Hiriyyaa Intala isaa qarshii fi konkolaataadhaan goyyoomsee, Mana Barumsaa hambisee mana siree oolcha. Namni akkasii manumattuu Haadha Manaa isaa raffisee, Intala isaa birayyuu waan hanqatu natti hin fakkaatu.
Kanaafuu dhiiroo Dargaggummaatti fayyadamaa. Waan hunda arguun gaaridha. Nama dargaggummaatti fayyadametu bultii isaa bareechata. Sababni isaa ‘Lifen’ inni hawwu hin jiru. Hundumaa Qeerrummaatti argee darbeera.
Dhuma irratti gorsa Shamarran keenyaaf: Jaarsi Haadha Manaa isaa mana kaa`ee sitti taphatu, akka meeshaatti sitti fayyadamee si gata. Afaanuma si dhungatuun galee Jaartii isaa fi Ilmaan isaa dhungata.

Ati erga godhamtee xuuxxookee hootee erga galtee gatii hin qabdu. Chiinchii inni sitti kenneen galtee yoo baay`ate uffata tuuttaa tokko bitatta. Sana torbee lama uffattee bareeddee Dargaggeessatti ittiin fakkarta. Ammas gaafuma si godhuu barbaade si waammata. Ati isaaf qodaa ergisaati.
Akkas gatiikee kuffisuu mannaa, akka sirraa bareedutti Dargaggeessa umuriikee gitu waliin maraadh**u. Qabaatus dhabus isatu sirraa bareeda. Intalli Jaarsa waliin ‘Life’ keessa galte, Dargaggeessa biratti immoo akka qodaa cabaatti ilaallamti.
Dhumni Shamarran akkasii gaayila malee hafuudha. Dargaggeessi yoo ishee fuudhes amanamummaa irraa dhabee ishee hiika. Jireenya kophummaa itti fufti.
Kanaafuu Shamarroonni keenya har`a of kabajaa. Dargaggeessa umurii si gitu dhiiftee, Jaarsa bultii qabu waliin hin hutaalin. Kanuman isiniin jedha.
Jaarsoliin Dulluma keessa maraattan immoo, bara dargaggummaa keessan duutanii galtanimoo maali? Amma erga dulloomtanii qoricha maalitu isin tuqee safuu gattu?
Kun isin irraa ni fokkisa. Nutuu warri Qeerroon ilaallachaa adeemna malee, Dubartii hunda akkuma argine hin goon**u.
Isin Jaarsoliin bara kanaa garuu maraat**uu duuchaa bira hin darbitan. Jarana haamilee maatii keessanii hin cabsinaa tasgabbaa`aa.
Wantichi Jennatatti nama hin galchuum! Yerichuma daqiiqaa muraasa qofa mana siree sana Jennata isinitti fakkeessee darba!