Dhaloonni ‛YouTuber’oota akka taabotatti simatu kun warra kana hagam beeka laata?
Pirofeesar Gabbisaa Ejjetaa bara 1950’tti Oromiyaa, Ganda Baadiyyaa Magaalaa Olonkomiitti dhiyaattee argamtutti dhalate. Ijoollummaa isaatti, maatiisaa waliin mana baadiyyaa kan dhoqqee fi citaa irraa ijaarame keessatti guddate. Manni barumsaa dhiyeenyarra waan hin jirreef torbee guutuu 15km miilaan deemee barata ture. Wiixataa hanga Jimaataa erga barateen booda, Jimaata galgala immoo gara manaatti deebi’ee Sambataa fi Dilbata maatiisaa gargaaraa ture.
Pirofeesar Gabbisaan, booda Mana Barumsaa Qonnaa Teeknikaa Jimmaa fi Koolleejjii Haramayaa keessatti barate; Bara 1974tti, Yunivarsiitii ‛Purdue’ kan Indiyaatti argamutti saayinsii hidda sanyii qoratu (Plant Breeding and Genetics) keessatti digirii PhD isaa hordofuuf gara Ameerikaa deeme.
Qorannoo isaa keessatti xiyyeeffannoon guddaan isaa Bisingaa/sorghum ture; Catee/sorghum-n midhaan bu’uuraa kan Afrikaa Sub-Sahara guutuu keessatti Maxinoo (flatbread), Marqaa(porridge) fi dhugaatii adda addaa ittiin qopheessanidha. Pirofeesar Gabbisaanis, Sudaan keessatti Dhaabbata Qorannoo Midhaan Naannoo Gogaa Addunyaa (ICRISAT) kan bu’aa malee hojjetuuf akkasumas akka barsiisaa Yunivarsiitii ‛Purdue’ tti tajaajiluun, bu’aawwan gurguddoo hedduu galmeesse.
Bara 1980’moota keessa, Afrikaa keessatti yeroo jalqabaaf sanyii Bisingaa/sorghum wal-makaa (hybrid) oomisha guddaa kennu fi bona dandamatu argate/uume. Bara 1990’moota keessa immoo, Catee/sorghum bineensa biqiltuu “striga” jedhamuun miidhamuu irraa of eeguu danda’an haaraa uume.
Pirofeesar Gabbisaan, bara 2009’tti qorannoo isaa kan “Wabii nyaataa namoota miliyoona dhibbootaan Afrikaa Sub-Sahara keessa jiraataniif fooyyesse” jedhamuun, Badhaasa Nyaataa Addunyaa (World Food Prize) kan akka Badhaasa Noobelii nyaataa fi qonnaatti ilaalamu badhaafame. Badhaasa akkanaa addunyaarratti namoota muraasatu qaba.

Saayinsistiin kun dhaabbilee idil-addunyaa fi kan mootummaa Ameerikaa hedduu, dabalatee USAID fa’aaf gorsaa ta’uun tajaajileera. Bara 2011’tti, Pirezidaantiin Ameerikaa Baarak Obamaan, Boordii Guddina Nyaataa fi Qonna Addunyaa irratti akka tajaajilu isa muude.
Walumaa galatti; Looreetii, Saayinsistii fi Pirofeesarri guddaan addunyaa keenyaa kun hojiiwwan isaatiin badhaasota armaan gadii badhaafameera.
1. World Food Prize (Badhaasa Nyaata Addunyaa) – Bara 2009
Badhaasa guddaa addunyaa kan akka “Nobel Prize” kan nyaataa jedhamee beekamu. Sababa qorannoo Bisingaa/sorghum isaan namoota hedduu beela irraa baraareef badhaafame.
2. MacArthur Fellowship (Genius Grant) – Bara 2009
Namoota sammuu addaa qabaniif kan kennamudha. Qorannoo fi yaada kalaqaa isaa irraa kan ka’e badhaafame.
3. Badhaasota Yuunivarsiitii fi Dhaabbilee Addunyaa Biroo
Yuunivarsiitii Purdue irraa kabaja olaanaatu kennameef. Dhaabbilee qonnaa fi saayinsii addunyaa irraa beekamtii hedduu argateera.
Yeroo ammaa kana;
1.Pirofeesar Gabbisaan Ejjetaa Yunivarsiitii ‛Purdue’ keessatti akka Piroofeesara beekamaa qonna biqiloota filachuufi saayinsii hidda sanyii akkasumas qonna idil-addunyaa tti tajaajilaa jira.
2.Qorannoo Bisingaa/sorghum isaa itti fufee hojjechaa jira; akkasumas qonnaan bultoota Afrikaa kuma dhibbootatti lakkaa’amanitti sanyii Catee/sorghum raabsuu irratti hojjechaa jira.
3.Hogganaa/daarektara sagantaa qonnaa fi qorannoo muraasa (internal director roles)ta’ees dalagaa jira.
Egaa mata duree koo irratti, “Dhaloonni ‛YouTuber’oota akka taabotatti simatu kun warra kana hagam beeka laata?” jechuunkoo namoota muraasa mufachiisuu mala ta’a. Garuu, warra akkanatti addunyaa irratti dhiibbaa gurguddaa lubbuu miliyoonotaa baraaran kanneen yoo hin beekne, yoo kabaja isaaniif malu dhorkanne, yoo ijoollee keenya daandii isaaniirra qajeelchuu baanne ni badna, ni xiqqaanna, ni doofomna waan ta’eef dhugaa kana walitti himuuf malee warra karaalee garaa garaan beekamtii argatan xiqqeessuuf miti. ‛Youtuber fi Tiktoker’-n lafa midhaan nyaataa hin jirretti, lafa qorichi hin jirretti, lafa manni barnootaa hin jirretti hojiin isaan hojjetan duwwaadha. Badiidha; beela. Dhukkuba!
Kanaafuu, miidiyaalee, namoonni miidiyaa fi dhalootichi qalbii guutuun, warra kabajamuu, leellifamuu fi hojiin isaanii fakkeenya dhalootaa ta’u kanaaf kabaja kennuu qabu!
Warra minxaafii/afata diimaan afamuufii qabu yoo daganne, nutu dagatama.
Har’a Magaalaa Olonkomiitti Manni Barumsa Sadarkaa 2ffaan qarshii miliyoona 60’n ijaaramee maqaa harmee Pirofeesar Gabbisaa Ejjetaa ‛MOOTUU AYYAANOO’ tiin moggaafamee tajaajilaaf banaa ta’uu isaa hordofeen yaadaa fi taajjabbiikoo katabe!