Use security cameras
Of Eeggannoo cimaa godhaa!!
Biyya Alaa yeroo deemtan namoonni biyya keessa jiran fira kiyyaaf meeshaa Xiqqoo naaf geessi jedhanii yeroo meeshaa isinitti kennanu callistanii Ergaa nama irraa fuuchuu hin qabdanu! Sababni isaa Wanti namni sun isinitti kennu gara du’aatti isin geessuu danda’a!.
Taatee Naazarawit abarraa mudate kana irraa barachuun ni danda’ama! Hiriyaan ishee kan wajjiiniin guddataniin gara balaatti galtee! hiriyaan kun qoricha sammuu nama hadoochu dhoksaan itti kennitee sababa Kanaaf biyya chaayinaatti duuti itti murtaa’ee ture, garuu sababa mootummmaan itiyoophiyaa gidduu seeneef murtiin du’aa sun ammaaf hojiirra hin oolle garuu kunoo Naazarawit waggaa 7 mana hidhaa keessatti dararamaa jirti. Seenaan ishee kunooti..:
Nazrawit Abera Siivil injinerii Itoophiyaa yoo taatu, bara 2018 keessa yakka qoricha sammuu nama hadoochu (drug trafficking) daddabarsuutiin biyya Chaayinaatti qabamuun duuti erga itti murtaa’een booda dhimmi ishee ummataa fi mootummmaa birratti xiyyeeffannoo argatee ture.
Nazrawit buufata xiyyaaraa Beejiingitti kookayini kiloogiraama 2.5 ta’u qaruuraa shaampuu shan keessatti baqfamee jiru boorsaa ishee keessatti argamuun qabamte.
Chaayinaa keessatti yakki akkasii adabbii du’aa geessisuu danda’a.
Ha ta’uu garuu Maatiin ishee fi deeggartoonni ishee Nazrawit hiriyyaa ishee ijoollummaa Simrat Kaasaay jedhamtuun akka gowwoomfamte maatiin ishee ni dubbatu. Simrat shaampuu sana akka geessituuf akka itti kennite ibsameera.

Intalti Simrat jalqaba irratti Nazrawit waliin gara Chaayinaa deemuf karoorfatanii kan turan yoo ta’u, dhumarratti garuu “abbaan koo na jalaa du’an” sababa jedhuun Naazarawit biraa haftee Kana booda qaruuraa sana akka kennaa (gift) namoota Chaayinaa jiraniif akka geessituuf Nazrawititti kennite.
Shaampuu sana keessa qorichi sammuu nama hadoochu akka jiru Nazrawit akka hin beektu ture.
Akkasumas agaa sagalee bilbilaa “voice recording” yeroo hiriyaan ishee kun “gowwoomseera” jettu argameera. Hiriyaa ofii Goyyoomsuun gara du’aatti Ergite!.
Erga dubbiin kun dhag’ameen booda Simratis Itoophiyaa keessatti dhimma kanaan wal qabatee qabamteetti.
Dhimmi Nazrawit Itoophiyaa keessatti madda dhiphuu guddaa ta’ee kan ture yoo ta’u, petition (mallattoo walitti qabuu) irratti namoonni 180,000 ol mallatteessuun lubbuu ishee oolchuuf mootummmaa gaafataniiru. Gargaarsa Mootummaas Argataniiru.
Ministirri Muummee Abiy Ahimed dhimma kana irratti xiyyeeffannoo guddaa kennuun, Pirezidaantii Chaayinaa Shii Jiinpiing waliin mari’atanii turan. Marii kunis murtiin du’aa sun akka hin raawwatamne dhaabee jira!.
Mootummaan Itoophiyaa dhiheenya kana biyya Chaayinaa waliin walii-galtee hidhamtoota dabarsanii kennuu (Prisoner Transfer Agreement) mirkaneesseera.
Kun immoo Nazrawit gara biyya isheetti deebitee adabbii ishee akka xumurtuuf abdii guddaa uumeera. Garuu ammayyuu sodaan ajjeefamu dandeessi jedhu jira!.