YouTube, Facebook, TikTok irraa maal dhaggeeffata?

Akkuma filanne nyaannu, filannee dhaggeeffachuu fi filannee hordofuus haa barannu.

Muuxannoon filatanii daggeeffachuufi hordofuu tarii beekumsaafi hubannoo gadi fagoo nu gaafachuu mala. Ta’us ammoo bara addunyaan dijitaalofte kana keessatti wanti akka koorsiitti barachuu ykn ammoo shaakaluu qabnu inni guddaan isa kana.

Wantoonni hedduun nuti as toora Marsaa hawaasummaa, YouTube, Facebook, TikTok fi al alii ammoo dambalii miidiyaa irratti arginuufi dhageenyu soba adiidha.

Amaluma dhala namaa ta’ee hedduun keenya ofittummaa ni qabna. Ofittummaan kun ammoo dogoggora lama keessa jira; inni tokko bakka mullachuun nuuf malutti of dhoksuu yoo ta’u, inni ka biraa fi inni hamaan ammoo waan hin qabne irratti of mullisuudha.

Namoonni hedduun beekamtii qaxxaamuraa waan barbaadaniif, mata duree nama hundaa ta’uu barbaadu. Kaan ammoo adda taa’anii mullachuuf, agarsiisa sobaa, jaalala sobaa, uffata sobaafi olmaa sobaa kan caalu ammoo nyaata sobaafaa mullisu.

Biyya namni hedduun waan nyaatu hin qabnetti, nyaata qaalii sababa ta’e tokkoon argate biratti suuraa ka’eetu, beeloftoota hedduu gomjaasisee isaaniin of barsiisa. Hawaasa jireenya sirrii keessatti jaalalaan waldhaansoo wal qabaa gammadee jiraatu gidduutti jaalala diraamaa agarsiisee, jaalalli waan lolaafi waldhabdee hin qabne fakkeessa.

Dhugaan jiru garuu akkas miti. Nyaata gatii qaalii fi uffata mi’aa inni guyyuu maxxansu sana waggaa keessatti yeroo tokko ykn lama mudannoo wayiitiin kan inni arge. Isuma biratti takka kootii uffatee, takka kootii ofirraa baasee, takka kallattii kaabaan takka ammoo lixatti galagalee suuraa biratti ka’eetu yeroo adda addaa nuuf maxxansa

Jaalala fiissaa inni marsaalee miidiyaa hawaasummaatti beeksisu sunis, iskiriiptii taatummaa turtii gabaabduu yeroo video’n sun waraabamte qofa keessatti taateffamedha.

Walumaa galatti dhaamsikoo: beekamuun rakkoo hin qabu; yoo milkaa’e waan gaariidha. Beekamuu biratti garuu waan hunda caalaa of beekuufi hawaasa beekuuf yaaluun gaariidha.

Warri namoota hordofnus, wanti arginuufi dhageenyu hundi dhugaa akka hin taane beekuun barbaachisaadha. Jireenyi sobaa namoonni tokko tokko ittiin nu gowwomsan bultii keenya keessatti, jireenya dhuunfaafi hawaasummaa keenya keessatti dhiibbaa akka hin uumneef, waan hundasaa filannee dhaggeeffachuufi ilaaluu akkasumas hordofuutu nurra jira!

Iskiriiptiin jireenya sobaa miidiyaa hawaasaa gubbaatti dhihaatu hedduun alaan jaalalaafi milkaa’ina fakkaatus, keessisaa garuu duwwaa fi sobaa dha.

Rakkinni guddaan garuu soba ta’usaa qofa miti; namoota qulqulluu soba sana amanan miidhuu isaati. Kanaaf, miirri dhugaafi Jireenyi dhugaan karaa gabaabaa akka hin qabne beeknee, dhugaa agarsiisaafi beeksisa hin barbaadne jiraachaa, waan qabatamaatti jiru qofa haa hordofnu.

INSTAL

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back To Top