Haati warraa Dr Hayilee Fidaa aadde Beernaadiit du’aan
Haati warraa Dr Hayilee Fidaa aadde Beernaadiit du’aan addunyaa kana irraa boqochuu sababa godhachuun sagantaa Yaadannoofi Dungoo ibsuu taasifame.
Dr Hayilee Fidaafi aadde Beernaadiit akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1964 magaalaa Paariis kan yuunivarsiitiin baay’inaan keessatti argamu Bulvard Jordan keessatti sagantaa barattootaa irratti walbaran. Bara 1966 A.L.A-tti ammoo cidha isaanii adeemsifatan. Dr Hayilee Fidaafi aadde Beernaadiit ijoollee durbaa lama Saaraafi Yoodiit jedhaman waliin horataniiru.
Aadde Beernaadiit ajjeefamuu abbaa warraa ishee biyya Faransaay utuu jirtuu kan dhageesse ta’us, yeroo hammaatan sun erga darbeen booda gara Itiyoophiyaa dhuftee bakka reeffi Dr Hayilee itti awwaalame argachuuf yaalii guddaa taasisaa turteetti.
Jaalala guddaa Dr Hayileef waan qabduuf ajjeefamuu isaa amantee fudhachuun baay’ee kan itti ulfaate ta’uu gaaffiifi deebii sagantaa Raadiyoo Yederaw Cewata jedhu irratti gazexeessituu Azeeb Warquu waliin taasifte irratti dubbattee turte.
Kabajaafi jaalala guddaa Dr Hayileef qabdu irraa ka’uun maatii Dr Hayilee abbaa isaa, haadha isaafi obboloota isaa itti dhiheenyaan gaafachaa turteetti. Naannoo dhalootaafi guddina Dr Hayilee Fidaa godina Wallagga Bahaa adeemuun ijoollee Dr Hayilee haadhaafi obboloota Hayilee waliin walbarsiistee, itti deddeebitees iyyaafachaa turteetti.

Jaalalaafi kabaja maatii kanaafi biyya abbaa warraa ishee Itiyoophiyaaf qabdu cimaa waan tureef jireenya ishee magaalaa Finfinnee keessa taasifachuun jiraachaa turte.
Dhaabbata tola ooltummaa “Ookaay” jedhamu kan ijoollee maatii hinqabneefi dubartoota rakkoolee garaagaraaf saaxilaman irratti hojjetu bantee hojii guddaas hojjechaa turteetti.
Waggoota 6 fuuldura ammoo intala ishee Yoodiit bira biyya Faransaay magaala Paariis adeemuun achi jiraachaa turte.
Aadde Beernaadiit dhukkubsattee yaalamaa kan turte ta’us bara haaraa Faranjootaa, Jan 1, 2026 (23/04/2018 A. L. I)-tti, umurii ishee waggaa 84-tti addunyaa kana irraa du’aan boqottee jirti.
Maatiin Dr Hayilee Fidaa gadda guddaa itti dhagahame kana ibsachaa, ijoollee ishee Saaraafi Yoodiit akkasumas jaallattoota isaanii maraaf jajjabina guddaa hawwa. Akka maatii Dr Hayileetti fi dhaabbata tola ooltummaa isheen hundeessiite waliin ta’uun sagantaa yaadannoo yookiin dungoo ibsuu taasifame.