Respect for women it’s true

Dubartootaaf kabajaa guddaan qaba garuu, altokko tokko mammaaksi Oromoo, “Dubartiin dheertuu malee beektuu hinqabdu!” jedhu na amansiisa.

‎ Waa maleen kana jedha, aliimmoo kabajaa dubartootaa gadi buusuufin mammaaksa kana fayyadamaa jira miti. Garuu, waan tokko ajandaa gochuuf, yookiimmoo waa argachuuf jedhanii murtii shamarran keenya fudhataniifi, karaan isaan ittiin of hubachiisuu barbaadan, aarii keessa isaaniis ta’ee gammachuu isaanii miirri isaan ittiin ibsatan, “Kana boodawoo maaltu ta’a? Yoon kana godhe maaltu uumamuu mala? Waan ani murteessuuf jiru kana booda deebiin ani argadhu maayinni, bu’aan murteekoo kanaawoo maal ta’inna?” yaada jedhu kan tilmaama keessa hingalchineefi, waan itti gaafatamummaan isaa hir’uu ta’e murteessuuf ariifatu. Saniinis jireenya isaanii fi kabajaa ofii isaanii gadi buusu. Waanuma dhiyeenya ‘social media’ kanarratti adeemaa tureefi jirurraan fakkeenya tokko isiniif fudha.

-‎Murtee dogoggoraa ‘girl friend’ duraanii abbaa manaa Boni JA (Ex’n Josef), mucaa Saa Rinaa jedhamtu sanaa haa ilaallu (‘Follow’ akka gootaniif jedheen ‘mention’ tolche): Yerichaaf dhimma jara kanaarraa homaa dubbadhee hinturre, dubbachuunis dirqamakoo miti, amma dubbachuun kiyyammoo dogoggoras miti. Waanin jechuuf jiru kana, yookiimmoo yaada kiyya kanarraa tarii lubbuun hubannaa horattu jirti tilmaama jedhurraayyu. Gar-sanittan isin deebisa:-

Yosef, intala, “Mataa durbaa!” ofiin jettu duukaa jaalalaan kufee gaahila dhaabbateera. Jaalatees haata’u dirqamee (Kana nuti hinbeeknu) gaahila isaa sanattis gammadaa fakkaata ture. Ex’n Yosef duraanii garuu, hariiroo jaalalaa iyyuu nama biraa wajjin waan eegalte hinfakkaattu. Fuuldurattimmoo hariiroo jaalalaa nagaa qabu akka hin qabaanne, ofuma isheetiif seexana barii ofitti taate -suurota yeroo jaalalaan wajjin turanii kan Yosef wajjin qabduu gabaarra oolchitee, “Hiriyaakoo ture. Har’a nagane malee bu’aabayii meeqa wajjin buunee baanee, daggala meeqa keessa wajjin dabarsine!” nuun jette.

Gochaashee kanarraa maal buufachuufi laata? Ani hinbeeku. Bu’aan isheen buufattu jiraa? Hinjiru. Yoo jiraates bu’aa isheen yaaddee itti seente hinta’u. Gochaa dogoggoraashee kanaan tarii, gaahila jaraa keessatti guyyaa tokkoof lama mufiin dhalachuu mala (Innuummoo yoo dhugaa jiru ifa ifashee baasanii utuu walitti hin himiin kan gaahilatti seenan ta’e). Kanaachi wanti dhufu biraa hinjiru. Saariin, inumaayyuu deebii dugda-kutaa tokko ‘Ex’ isheerraa argatte -“Ani bara baraan kan Boni’ti” ergaa jedhu.

‎Dogoggorri biraammoo ammas karaa dubartii biraa itti fufe (Boni’nis dubartiima mitiiree?!). Ajandaa Saariin fudhattee baate sanaaf, deebiin Booniin deebiftes murtee itti gaafatamummaa hinqabne kanbiraa ture. Heerumtee isa jirtu dhiiftee, lafa abbaan manaashee kun ishee kaase dagattee, waan xiiqii fakkaatu wayii, “Kunoo anis hiriyaa qaba ture!” jettee suura ‘Ex’ ishee duraanii wajjin qaban gabaaf dhiyeessite. Silaa ajandicha Yosef-tu kaase mitiwoo, sababni isheen miira keessa galtee, “Anis hiriyaa qaban ture!” jettee deebii deebisuun barbaachiseef maali? Silaa nama ishee jaalatuufi kunuunsaa jirutti heerumtewoo, sababni isheen suura ‘Ex’ isheetii ‘gallery’ keessaa ‘delete’ hin godhiin turteef maali? Dhuguma Yosef’n ni jaalatti jedhanii amanuuf gochaa dogoggoraa gaaffii keessa nama galchuudha.

Sanbooda ‘Ex’-nshee sunis deebii dugda kutaa tokko kenneef – “Ani fuudhee gaahila kabajamaan qaba. Suurotuma kanayyuu eessaa akka isheen fidde hinbeeku!” deebii jedhu laate. Salphinni kana caalu hinjiru -“An tasuma sin yaadadhuu” caala wanti nama dhukkubsu maaliree! Isa dura Saariitti gooliin tokko gale, asittimmoo Booniitti gooliin biraa gale. Dhiirotni lameen ammayyuu homaa hinta’iin jiru. Maaliif? Akka shamarranii murtee hintaaneef waan hin muddamiiniif.

‎Ajandicha yoo xumurru, “Eenyutu miidhame?” sarara jettu ilaalla -miidhamtuun intaluma jalqaba ajandicha kaafte, Saariidha..Ex’n ishee fuudhee gaahila qaba. Booniin heerumtee gaahila keessa jirti. ‘Ex’n Boonii fuudhee gaahila qaba. Saariinoo? Lafuma jirti. Akka dhiirri biraa sichi dhufee afaan nagaadhaan illee gaaffii jaalalaa hin dhiyeessineef, gaahila nagaa qabu deebitee akka hin keessummeessineef waan badetu jira -Booniifi Yooseef aariirraa ka’anii suuraafi viidiyoowwan intala kanaa qilleensarra jalaa oolchaniiru. Carraan dhhiirri biraa utuu kana arguu, arraba namootaa hundumaa keessummeessee ishee wajjin gaahila dhaabbachuuf dhufuu baay’ee baay’ee gadi bu’aadha; yoo jiraatesimmoo inni gateettii jabaa qaba; ammoo mootummaa Waaqaas waanuma dhaalu wayiiti. Kan jara kanaa asumarrattin xumura. Ishee hinheerumiin jirtuuf Waaqayyo gaahila naga-qabeessa haa laatuuf!

‎Gara addunyaa ‘tiktok’ttin isin fudhadha. Tokkittii har’aa kana nabiraa hinhafiinaa.

-‎Tiktookarri Jon_Daniel fi Jani Gabru jaalalleewwan turan. Utuma sanaan jiranii Jon Daniel, Jani irratti ‘cheat’ gochuudhaan intala #Nayo jedhamtu duukaa ciisa. Utuu Nayon ‘postpil’ moo maal isa jedhamu sana hin liqimsiin jeequmsa isaan buufata xiyyaaraa keessatti kaasaniin mana hidhaa seenan. Mana hidhaatti ulfa baasisuun hinjiru, qoricha ulfa baasu argachuun rakkisaadha. Kanaafuu maaltu ta’e? Intalli Jon Daniel wajjin ciifte sun garaan guddachaa deeme -“Ulfiif dhugaan bulee mul’ata” jedhama mitii ree! Achiis baatee ni deesse. Addanatti dhugaan Jani tulluu gubbaatti bahee mul’ate. Kan jaalalleenshii dukkanaan godhu sun aduu ta’ee calaqqise. Aarii kanaas haata’u, itti yaaddees ta’u Janin murtee tokko qofa qabdi -Dhiira biraa wajjin hariiroo jaalalaa eegaluu!

‎‘Tiktookarri’ #Adonay jedhamu Kaanaadaa irraa gara biyyaa dhufe. Jaaniinis carraa kana fayyadamtee mucaa sorooroo ijatti nama hawwatuufi jaalala guddaa horataa jiru sana (Adonay) duukaa jaalala eegalte. Intalli dur ‘comment’n isheef kennamu harki caalu arrabsoo qofa ture sun, amma sababa gurbaa kanaa gara eebbifamuufi dinqisiifatamuutti ceete -“Dubartii ishee godhe, ishee kabachiise…” yaadota jedhan keessummeessuu eegalte.

Gurbaa shamarran yoo suura wajjin ka’aniyyuu ‘kiss’ gochuuf morma dhiiban sana gulummaashee godhatte. Danuuwwan shamarranii inaafsisuudhaan guggubde. Adoonaayis seenaa jaalalaashee kaleessaa utuu beekuu, “Hunduma namaatu hariiroo akkasii keessa ture; kanaafuu rakkoo hinqabu!” jedhee kabajaafi kunuunsa isheen argitee hinbeekne itti agarsiise. Gondar geessee gonfoo kaabatti iddoo olaanaa qabu mataarra isheef keessise. Intalli in fandalalte. Jaaniin takaallaa kutte. Waan argitee hinbeekne argite. Garuu, maal godha? Dubartiidhas mitiiree! – ulfinashee kana qabattee turuu dadhabde, kabajaa guddaa Adoonaay ishee agarsiise ofuma isheetiin dhukkee keessa gangalchite.

‎Utuu Adoonaay wajjin jirtuu dhokattee ‘Ex’ ishee sanaaf bilbilti; edaa qaamashee malee yaadnishee ammayyuu Jon Daniel bira jira. Midhaan hajaa’e, nyaata summaa’e kan yeroonsaa irra darbe nyaachuu hawwite. Tarii jaalala Jooniif hinqabdu hinfixanne, aliimmoo hariiroo jaalalaa Jon Daniel fi Nayo’n keessa jiranitti inaaffite ta’aa, icciitiishee gabaa baaftee gurgurte. Sababa, “Account kootu cufame!” jedhuun, hiriyaashee duraanii (‘Ex’shee) maqaa waamuu jalqabde. “Inumaa dhokfataan ture malee na reebaa ture!” jette. Namuus jalaa qabe, “Qananii Addunyaa!” marartee jedhuun gamashee tumsa eegale. “Account koos isatu cufsiise!” jette.

Utuu dubartiidha ta’uu baattee, dubartiima taateeyyuummoo utuu waan dhufu, waan ishee eeggatu yaada keessa galchitee tilmaamteetti ta’ee, callisuu filatti ture. ‘Account’ ishee jalaa cufame sanatti nagaa dhaammattee, ‘boyfriend’shee kan amma waliin jirtu sun akka ‘account’ ishee isa haaraa sana samii xuqsiisuuf gochuu dandeessi ture. Addanatti, “Nareebaa turee fi isatu narratti cufsiisee!”n bu’aama isheef buusu tokkoyyuu hinqabu. Utuma isatu jalaa cufsiise ta’eeyyuu maqaa ‘Ex’ isheetii sana gabaa baaftee gabaa salphinaa of dhaabuun irra hinturre. Hariirooshee isa ammaa kanaaf amanamtee, jiruushee haaraa kana itti fufachuu dandeessi ture. Garuu, maal godharee? Dubartiidha, ammoo ‘tiktookaras’ mitiiree!? Deebiin isheen argatte icciitii isheen ittiin turte badhee jalaa baase.

‎Jon Daniel (Ex’n Jani), inni amma haadha manaa isaafi mucaasaa haammatee rafu ni dheekkame. Ni lole. Meeshaasaa walawalate. Akka Janin, Adonay dhokattee isaaf bilbiltu dhugaa bahe. Akka ammayyuu isa rakkisaa jirtu lallabe. Afaan guutee fuula uummataa fuulduratti as bahee, “Jani ‘baqqaa’ jireenya koo keessaa bahi. Ani jiruu haaraa qabadheen, haadha manaa fi mucaakoo haammadhee ciisaa jira!” ittiin jedhe. Yakkoota isheen ittiin isa ‘kassasaa’ jirtus ni haale; in falmate. “Yoo garaa qabaatte kunoo fuula hawaasaa dhuftee haa dubbattu!” jedhee ‘live’ uummatni 100K taa’ee hordofu fuulduratti ishee waame. Janin garuu, miila Bakar Waaree taate. Waan ofumaa bukeessiteen gabaa salphinaa of dhaabde. Waan dubbattu gaaf dhabdu, “Account’ koo isa haaraas na jalaa guban!” jettee, ‘account’ma gubateera jette sanaanimmoo ergaashee dabarfatte!

Hubachiisa: barruu kiyya har’aa kanarratti yaadota, “Akkanatti sin eegne, nama akka keetiirraa dhimma nama dhuunfaa akkasii barreessuun hin eegamu. Gadi ofbuufte, dhimma nama dhuunfaa irratti hin xiyyeeffatiin” jedhu hinkeessummeessu. Dhimmi ‘tiktookarootaa’ dhimma nama dhuunfaa miti. Inumaa filannoon biyyoolessaa iyyuu utuu karaa mana tokkoo isaanii ta’ee waan caalatti bu’a qabeessa ta’u natti fakkaata.


Gara waan haasa’aa jirruutti yoo deebinu, kana booda maaltu ta’uu mala seetu?

‎Adoonaay inni kaleessa ‘account’ Jaanii isa haaraa beeksisaafii ture, ammammoo Jaaniidhaan, “Edaa durayyuu na dhokattee Jon Daniel’f bilbilaa turtee?” dheekkamsa jedhuun, hanga isheen tasgabbooftutti ishee duukaa turee, gaafa isheen tasgabbooftee akkumashee durii ‘xulxul’ jechuutti as deebitu ammoo, “Waanin dagadhe seetaa? ‘Iji gamnaa bishaan keessatti wal argaa, nagaatti” isheen jechuu mala. Yeroof garuu, akkuma isaa durii Jaaniif kunuunsa gochuusaa itti fufuu danda’a (Akka isheen ‘emotional’ taatee of hin miineef).

‎Egaa yaa dubbiftoota kiyya, waan ani xuxxuqe kana keessatti dogoggoroota 3-tu uumame; dubartoota sadaniin. Dhiirotni injifatoo ta’aniima itti fufan. Dubartootni warri, “Bor maaltu ta’aa?“ hintilmaamneefi, warri Oromoon mammaaksa isaatiin, “Dubartiin dheertuu malee beektuu hinqabdu!” jedhee farrajewoo? Waan Adoonaay murteessu irratti ilaaltu!

‎Yaa warra utuu heerumtanii abbaa manaa qabdanuu, Ex keessan duukaa haasoftaniifi, yaa warra utuu fuutanii haadha manaa qabdanuu, Ex keessan duukaa hariiroo itti fufsiiftanii jirtanii, isiniif wayyoo! Dhumni keessan hinbareedu; muka kolfaa taatu. Hulee udaan xuqe taatu. Kunoo akkuma jara kanaa namoota biraa ittiin barsiisuuf warra namootni fakkeenya fudhatan taatu. “Kabajaafi barcuma abbaatu ofjalatti eeggata!”

‎Obboleettotni keenya shamarranii barruu kanarraa waan barattan qabdu jedheen yaada. Ammoo, mata dureefi goolaba barruu kiyyaa irratti mammaaksi sabaa ani itti fayyadame, duudhaama mammaaksa warra keenyaa itti fufsiifna yaada jedhurraa ka’uudhaani malee, isin beektuus dheertuus gabaabduus qabdu!

INSTALL

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back To Top