You Want to Succeed

Milkaa’uu Barbaadda Taanaan
Qabxiilee Armaan Gadii Dubbisi

Milkaa’uun hawwii namoota hedduu ti. Garuu, milkaa’inni carraa qofaan hin dhufu; hojii cimaa, murannoo, fi of-qopheessuu barbaada. Namni milkaa’uu barbaadu jalqaba of sirnaan beeku qaba, kaayyoo isaa ifatti kaa’uu qaba, akkasumas tarkaanfii itti fufinsaan fudhachuu qaba. Qabxiileen armaan gadii karaa milkaa’inaatti si qajeelchan.

Saayintistoonni fi yaad-doonni beekamoon hedduun dhimma milkaa’inaa irratti jechoota gurguddoo dubbatan jiru. Fakkeenyaaf, Albert Einstein akkana jedhe “try not to become a man of success, but rather try to become a man of value.”
Hiika isaa,“nama milkaa’e ta’uuf qofa hin yaalin; garuu nama gatii qabu ta’uuf yaali.” Thomas Edison akkana jedhe, “genius is one percent inspiration and ninety-nine percent perspiration.”
Hiikni isaa “Milkaa’inni guddaan harka xiqqaa kaka’umsa, harka guddaa immoo hojii cimaa dha.”
Nelson Mandela akkana jedhe, “It always seems impossible until it’s done.”Hiikni isaa: “Hanga hojjatamutti waan hin danda’amne fakkaata.”
Jechoonni kun hojii, murannoo fi gatii of keessaa qabaachuu irratti xiyyeeffatu.

  1. Kaayyoo Ifaa Qabaachuu
    Namni kaayyoo hin qabne akka nama kallattii hin beekneetti deddeebi’a. Kaayyoon kee maal akka ta’e ifatti murteessi. Kaayyoo yeroo gabaabaa fi yeroo dheeraa adda baafadhu. Yeroo kaayyoo kee barreeffattee kaa’du, sammuu kee keessatti ifatti mul’ata; kanaanis tarkaanfii sirrii fudhachuuf si gargaara.

Akka saayintistoonni yaada kaa’anitti, kaayyoo ifaa qabaachuun sammuu namaa qindeessa, humna isaa gara bakka tokkootti walitti qabsiisa.

  1. Ofitti Amanuu
    Ofitti amanuun bu’uura milkaa’inaati. Yoo of shakkite, hojii kamiyyuu jalqabuuf sodaata. “Ani danda’a” jedhii of jajjabeessi. Dadhabinni yeroo muraasaaf dhufu danda’a, garuu ofitti amanamummaan si jabeessa, si kakaasa, si immoo gara fuulduraatti si tarkaanfachiisa.

Saayikoolojistoonni akka ibsanitti, ofitti amanamummaan bu’aa hojii irratti dhiibbaa guddaa qaba.

  1. Hojii Cimaa fi Itti Fufiinsaan Hojjechuu Milkaa’inni hojii malee hin argamu. Hojii cimaa qofa osoo hin taane itti fufiinsaan hojjechuun barbaachisaa dha. Guyyaa tokko hojjechuun gahaa miti; guyyaa hunda xiqqoo xiqqoodhaan tarkaanfachuu qabda. Itti fufiinsaan hojjechuun bu’aa guddaa fida.Thomas Edison akka jedhetti, milkaa’inni baay’inaan dhangala’aa (hojii cimaa) irraa dhufa.
  2. Barachuu fi Of Fooyyessuu
    Addunyaan yeroo hunda jijjiiramaa jirti. Kanaaf, namni milkaa’uu barbaadu barachuu hin dhaabu. Kitaabota dubbisi, leenjii hirmaadhu, namoota muuxannoo qaban irraa baradhu. Of fooyyessuun dandeettii kee guddisuun si taasisa nama iddoo ol’aanaa irra gahuu danda’u. #Einstein illee barachuun hojii hin dhaabne akka ta’e ibseera.
  3. Yeroo Sirnaan Fayyadamuu
    Yeroon qabeenya guddaa dha. Namni yeroo isaa sirnaan hin fayyadamne milkaa’uu rakkisa. Karoorri guyyaa fi torbanii qabaadhu. Hojii barbaachisaa ta’e dursa kenni; waan si jeequ irraa fagaadhu. Yeroo sirnaan bulchuun milkaa’ina saffisiisa. Saayintistoonni yeroo akka qabeenya hin deebi’amneetti ilaalu.
  4. Rakkoo akka Carraatti Ilaaluu
    Rakkina dhufan irraa hin dheessin. Rakkoon barnoota guddaa of keessaa qaba. Yeroo kufte, maal irraa barachuu akka dandeessu of gaafadhu. Namni rakkoo akka carraatti ilaalu, carraa guddinaa argata.

Nelson Mandela akka jedhetti, wanti hin danda’amne fakkaatu illee ni danda’ama yeroo itti hojjetamu.

  1. Namoota Gaarii Waliin Hojjechuu
    Namoonni si marsan jireenya kee irratti dhiibbaa qabu. Namoota si kakaasan, si jajjabeessan, si qajeelchan waliin ta’i. Namoota abdii si kutachiisan irraa of eegi. Hiriyaan gaariin milkaa’inaaf bu’uura jabaa dha.

Qorannoon hawaasummaa agarsiisa namni naannoo isaa irraa dhiibbaa guddaa akka argatu.

  1. Obsa fi Murannoo Qabaachuu
    Milkaa’inni yeroo gabaabaa keessatti hin argamu. Obsi fi murannoon si barbaachisa. Yeroo bu’aan hin mul’anne illee abdii hin kutin. Tarkaanfii kee itti fufi; guyyaan milkaa’ina kee har’a irraa ni dhufa jabaadhu

INSTALL

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back To Top