Jiru Ilmaa Nama hammeenya Biyya Lafaa

Edaa intalli Raajan Waggaarii’tti daa’ima gattee badde ishee kanaa?

Haasaa Raajan Waaq-gaarii miidiyaa #Maree_corner irratti taasise dura intala Habtamu Lamu (Maqaashee hinbeeku) bakka hojiishee deemee jajjabeessee, achumaan immoo gaaffiif deebii xinnoo wajjin godhe kana dhaggeeffadheen ture. Sanumarraa ka’uudhaan haasaa isheen taasifte keessaa waa’ee bakkatti yaadakoo hatee isiniif qooduu barbaadeen ture. Garuu, nandhiise. Har’a garuu, waan isheetiin walfakkaatu tokko Raajan irraayis dhageenyaanin bakka tokkotti isiniif fide. Jalqaba irratti namoota kanaanin wal isin barsiisa:

‎-Mucaan Habtamun haasofsiise kun yuunivarsiitii irraa eebbifamtee baatee ‘degree’ qabdi. Garuummoo hojii hin arganne. Boodarra harka maatii kootii eeguurra jettee hojii mataa isheetii uummatte; Shaggar, Burraayyuu naannoo Kattaa jedhamutti kophee namaa ququlleessiti.

‎-Raajan ammoo hedduun keessan beektu. Bu’aa bayii jireenyaa inni daa’imummaarraa kaasee dhamdhamaa guddate gurra hedduu keenyaa jira. Namni kun barreessa kitaaba “Lubbuu Du’aa Kaatee”ti. Ammammoo daa’ima shamarri tokko isaaf deessee itti gattee badde kophaasaa guddisaa jira. Mucaa dhalattee reefu guyyaa 5 haadha harkaa fuudhee akka haadhaaf abbaatti fuudhee guddisuudhaan mucaa umrii waggaa 2’rraan gahee jira. Akkuma kana Raajan dadhabbina guddaa tokko qaba (Isammoo asirra fiduu kiyya dura qaamaan, aliimmoo bilbilaanin himaaf). Ammaaf gara ijoo dubbii koottin ce’a.

‎#Habtamu_Lamu: “Wanti sitti ulfaate yookiimmoo wanti ati dadhabde jiraa?”
‎Mucattii kophee haxooftu: “Eyyee! Namootni hedduun yeroo kophee na haxoofsisiifatan naaf gaddu, hidhii naaf xuuxu. Hojiin hojjachaa jiru kanarra, yeroo namootni naaf gaddanii hidhii naaf xuuxanin imimmaan koo qabachuu dadhaba. Natti dhaga’ama”

‎Maree_corner: “Raajan? Yeroo akka kanatti gatii guddaa kana baaftee daa’ima kana guddiftu wanti addatti sitti ulfaate jiraa? Tarii wanti ati ‘nan dadhabe’ jettu maayinni?”

‎Raajan: “Eyyee! Wanti natti ulfaate tokko jira. Yeroo hedduu gaafan ani daa’ima kana talaallii fayyaa fudhachiisuuf kaasuutti baadhee buufata fayyaa deemu namootni na ilaalu, na harkatti ilaalu. Naaf gaddu, hidhii naaf xuuxu. ‘Daa’imni kun haadha hinqabduu laata?’ jedhu. Iji harmeewwan hedduu narra bu’a. Ija namaan dadhabe. Daa’ima kana baadhee deemuu caalayyuu, baay’ina ija achitti na ilaaluun siqiqaa dhaqa”

‎Haasaa isaanii kanarraa maal hubattan?


‎Yeroo namni waa ofitti murteessee, gad of deebisee, kabajasaa dhiisee namaa gad of godhee kaayyoo ofii adamsu, inni uffatee deemu, inni bareedee mimmiidhagee jirummoo dhufeetu gaddaaf. Hidhii xuuxaaf! “Maaloo akkam gootee kana hojjatta, sitti hin ulfaatuu?” ittiin jedha. Garuummoo utuu namni sun hojii sana dhiisee rakkina hin oolchu. Inumaayyuu, maallaqa namni sun jecha sana hunda baatee hojjatee fiduun gaafa inni affeeru affeerraa sana hin didu. Hojii sana garuu, akka nama sanaatti ofitti murteessee hin hojjatu. Aliimmoo karaa ittiin namni sun waan sanarra fooyyee qabu argatee hojjachuu danda’u hin mijeessuuf. Waan gadduuf fakkaatee hidhii xuuxaafiitu, “Maaloo kana akkamiin hojjachuu dandeessa?” jedheenii miira gad-aantummaa itti lallabee deema.

‎Anis jara kana lameenirraa miira kanan hubadhe. Kophee haxoofsichuudhaaf bira taa’u garuu, kophee haxaa’uun hojii gadi aanaa akka ta’e itti himanii deemu. Akka isheen bareechituuf isheerraa tajaajilamuu dhaqu. Garuummoo akka isheen baay’ee fokkiftee jirtu gurra buusanii deemu.

‎Daa’ima sana haadha ta’aniifii harkaa fuudhanii guddisuu hindanda’an. Garuummoo akka daa’imni haadhaan malee buufata fayyaa hindeemne hidhii xuuxanii itti himu. Ija isaanii imimmaan gaddaa waan calale fakkaatu sanaan sagalee ukkaamfatanii, “Dubartoota gidduudhaa maal goota?” ittiin jedhu. Garuummoo guyyaama tokkoof itti siqanii rakkoosaa hingaafatan, yeroodhaaf nabira haa turuu ati boqoti hin jedhaniin. Hidhii xuuxuuf, ija diimessanii ilaalu.

‎Ilaa yaa ilmoo namaa,

‎Gaafa namni tokko hojii naannoo sanatti hinbaratamne gadi jedhee utuu inni hojjatuu agarte, qooda, “Maal gootee kana hojjatta?” jettuun, “Foon haadha koo ati kormee namaati. Harka namaa eeguu dhiiftee hojii akkasiin galii sii galchu uummachuu keetiif badhaasatu siif mala. Namni hedduun kanumallee uummachuu dadhabee harka namaa eegaa oola. ‘Gabaa najalaa fudhachuuf kana goote’ naan jettaaf malee anuu utuun cinakee kanatti eegalee natti tola” jedhiiniitii jajjabeessii, ammoo taphachiisii biraa deemi.

‎Kanaachi waan gadditeef fakkaattee miira nama hojii uummatee jiruu jeeqxee biraa hindeemiin. Sana hingootu yoo ta’emmoo callisiima biraa deemi. Nanbeeka, hedduunkee waan namaaf gadditu fakkaattee godaannisa gaddaa kanbiraa garaa namaa keessa kaa’aa oolta. Wanti namni gad of deebisee hojjatu tokko hanga balaa qaamaafi lubbuu hinqabnetti, akka inni waan sana hin hojjanneefi itti saalfatu gorsitee biraa hin deemiin! Atimmoo mootii boolla warqee isa kamitti udaan agu of seete?!🙄 Aadaafi bartee sirrachuu qabuudha! ‎Haa sirratu!

Hubachiisa:
Barreeffamni kunii fi mata dureen ani olitti kaase walitti hidhama tokkoyyuu hinqabu (Miira dubbistootaa hawwachuu qofaafan bifa kanaan barreesse, jechuun mata duricha filadhe) አመስግናለው።





Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back To Top