YAADDOO INJIFACHUU
Jalqabumasaayyuu, Yaaddoon, shakkiin, sodaan, abdii kutannaan diinota suuta suutaan fayyaa sammuu keenyaa nyaatan waan ta’aaniif irraa of qusachuun waan barbaachisaa utuu hin taane waan baayyee barbaachisaadha.
Yeroo baay’ee dadhabbiin keenya hojiidhaan osoo hin taane yaaddoo, mufannaa fi aariidhaan kan dhufudha. Jireenyi gammachuu, gammachiisaa fi gammachiisaa kan ta’u yeroo yaaddoo irraa bilisa of baastudha.
Yaaddoon jireenya kee qisaasessaatii Wantoota toʼachuu hin dandeenyeef hin yaaddaʼin.
Yaadda’uun waan xiqqoo tokkoof gaaddidduu guddaa kennuudha. Waan si ajaa’ibu, Akkuma yaaddoon sitti hir’atu jireenyi sitti salphata.
Guyyaan ati itti yaadda’uu dhiiftu guyyaa jalqabaa jireenya kee isa haaraa ta’a; yaaddoon geengoo sodaa keessa si deddeebisaatii ofitti amanamummaadhaan bilisummaa dhuunfaakeetiif sababa ta’i.
Yaaddoon eessaaniyyuu sin geessu. Waan dogoggora taʼuu dandaʼu yaaddaʼuu dhiisi, wanta sirrii taʼuu dandaʼu hundas herregiitii gammadaa jiraadhu.
Yaaddoon, sammuu kee jeeqee gammachuu kee hatuudhaan yerookee qisaasessuu yoo ta’e malee homaa tokko hin jijjiiru. Yeroo tokko tokko, karaa hundarra gaarii taʼeen yaaddaʼuun koo wanta tokko akkan hin goone na godha.
Yeroo tokkotti waan baay’ee hin yaadda’in! Jalqaba irratti wantoota sasalphaa muraasa fudhadhu, achiis gara wantoota walxaxaa taʼanitti tarkaanfadhu, Waa’ee boriikeetii qofa osoo hin taane waayeenkee har’aas si haa mararu. isaan galtee guddaa jireenyakeetii waan ya’aaniif.

Yaaddoo jechuun yaada kee fayyadamuun waan hin barbaachifne uumuu jechuudha.
Yeroo tokko tokko yaadda’uu, ajaa’ibsiisuu fi shakkuu dhiisuu qabda. Wanti tokko akka milkaa’uuf amantii qabaadhu, tarii akka karoorfatte osoo hin taane akkaataa itti yaadame qofa ta’uu waan maluuf.
Yaaddoon, waan jireenya keenya keessatti ta’aa jiru kunuunsuuf , Waaaqayyo guddaa, humna kan qabuufi jaalala kan qabu ta’uu isaa akka hin amanne argisiisa.
Boqodhu, tasgabbaa’i, hin yaadda’iin, gammadi, tarkaanfii fudhadhu. Gaaf tokko of duuba ilaaltee waan baay’ee dhimma hin qabneef akka yaadda’aa turte ni hubattaa.
Gaddi of duuba ilaala. Yaaddoon naannoo isaa ilaala. Amantiin ol ilaala. kallattii ilaalcha keetii filachuuf ammayyuu yeroo qabdaatii isa gaarii ta’e filadhu.
.
Diinni yaaddoofi abdii kutannaa inni hamaan ammoo tarkaanfii fudhachuu waan ta’eef ka’i tarkaanfadhuutii yaaddoofi yaaadda’uu abdii kutachiisi.