Walitti bu’iinsa Shamarran Biyya keessaa fi Biyya Alaa gidduutti uumameef maaltu sababa ta’e
Ejjannoo “sagaleen lolaa dubartoota keenya gidduu haa dhaabbatu” jedhu komiteen. Komiteen kun immoo qaama bilisaati. Qaamni bilisaa kun warra heerumee hiike keessaa filamanii waltajjii jaraa ta’an
Wal-dhibdeen dubartoota biyya Arabaa jiranii fi barumsaaf jecha biyyatti hafan akkuma itti fufetti jira.
Warri biyya Arabaa;-
“Hojjannee jijjiiramaa jirra. Warri barattan maal fiddan? Ammayyuu maatii tu mana kiraayyuu isiniif kanfalaa jira. Degreen keessan erga Buddeena isinif hin laannee biyyoo haa ta’u” jedhan. Inumaa waldaa IMX dhaan gurmeessinee Dhadhaa illee haa nagadan jedhanii shamarran biyya keessa jiran irratti geeraran.

Warri biyya keessaa ammoo;-
Fuulli keessan yeroo dur kutaa 10’tti kuftan isin gubate ammayyuu Ruuziin Arabaa hin jijjirre. Attamitti nutti dubbattu. Tokkoon tokkoon shamarran biyya arabaa hundi ishii ilmoo warratti gattee kan deemtee dha. Akkamiin nu warra durbummaa keenya eeggatee yoona gaheen akkana jettu. Haamilee kamiin nutti dubbattuyyuu? jedhan. Isin achii hojjadhaa! dhiirri asii sagalee tolfatee isin elmee ittiin nu bashannansiisaa jira nuuf jabaadhaa jedhan.
Dhimmi biraa ammoo umuridha,akkamitti heerumtanii dahuu diddan” kan jedhudha. Dhiironni yeroof warra Degree miti warri Doolara qabu bira dhaabbatu. Fact dhimma lubbuuti
Koreen araaraa kan biraa haa filamu. Warri heerumanii bahan jara kana hin araarsan. Dhiirri kan alaa elmee kan biyya keessaa zannaciisaa oolus araara keessaa haa bahu.
Nu warri xiggii teenyee garanaaf garas misaa’ila dhuka’aa jiru daaw’atu jara lachiif fira. Warra keessaas warra alaa irraas oolmaa guddaa kan qabu nuhi.