Hiikaan addunyaa kanaa Shamarree bifa miidhagaa hin qabnee fi #Dhiira maallaqa hin qabne qofaaf waan galu natti fakkaata. Keessumattuu dhiiraaf dacheen kun gara jabeettidha, namuu salphaatti hin hubatuuf; shamarreenillee akkasuma dhugaa hadhooftuu kophummaa fi tuffii keessatti dhandhamti.
Isaan kun lamaan, qullaa jireenyaa isa dhugaa sana argu. Dhiira harka qullaa ta’eef, guyyaan halkan, ifni immoo dukkana itti ta’a; inni utuu hafuura baafatuu namni akka waan inni du’eetti isa lakkaa’a, sababiin isaas addunyaan kun dhiiraaf safartuu gatii kan taasifte, waan inni sammuu fi onnee isaa keessaa qabu utuu hin taane, waan inni kiisii isaa keessaa baasu qofa waan ta’eefidha.

Gama biraatiin, shamarreen uumamni bifa bareedinaa hin arjoominiifis, kitaaba jireenyaa isa fuula jalqabaa irra darbee namni dubbisuu hin barbaanne sana fakkaatti. Namoonni baay’een qola ishee ilaaluun yeroo bira darban, isheen garuu dhugaa hadhaa’aa onnee namaa keessa jiru, jaalala sobaa fi waahillan faayidaa irratti hundaa’an ifatti argiti.
Jireenyi isaaniif dirree qophii fi calaqqee utuu hin taane, lafa waraanaa callisaa fi qabsoo walirraa hin citneedha. Warri kaan addunyaa kan ilaalan daawwitii miidhaginaa fi qabeenyaatiin yoo ta’u, isaan garuu daawwitii cabaa dhugaan keessatti mul’atuun addunyaa ilaalani; kanaafuu, hiika jireenyaa isa dhugaa, isa dhamaatii, abdii kutannoo fi deebi’anii of ijaaruu gidduu jiru sana, warra “hireen koo natti tolen jiraachaa jira” jedhan caalaa fageessanii hubatu. Gabaabumatti, dacheen kun warra harkaa qabanii fi bifa qabaniif lafa jireenyaa yoo taatu, warra kana dhabaniif garuu mana barumsaa jireenyaa isa qormaanni isaa ulfaataa ta’edha.