Kondomiin sun kan maaliiti?

‎“Kondomiin sun kan maaliiti?”

‎“Haadha manaa koon si barsiisa!” jedheenii, hiriyaasaa baay’ee jaalatu kan dhiyeenya biyya alaatii dhufe fudhatee mana isaatti gala -Daawwit. Diyaaspoorichi baay’ee bareeda. Haadha manaa gurbaa wajjin qalbiin walitti cabe. Guyyoota biraas irra deddeebi’ee mana isaatti fudhatee gala. Hiriyaasaa baay’ee jaalatuudha waan ta’eef, haadha manaa koo wajjin ‘baalagatu’ jedhee takkaa shakkee hinbeeku. Hiriyaansaa sun garuu, haadha manaa hiriyaa isaatii kana ni kajeele. Isheenis diyaaspooraa alaa dhufe kanaaf haala ni kennite. Guyyootni darban.

‎Guyyaa tokko Daawwit hiriyaasaa diyaaspooraa sanaaf bilbilee, hojii wayiitiif bakka ta’e deemuuf akka jiru itti hime. Haadha manaa isaa manumatti dhiisee bahe. Hiriyaansaa sunimmoo akka Daawwit mana hinjirre waan dhaga’eef, intala duraan qalbiin wal kajeelte bira deeme. Yoo dhaqu teessee ‘sex video’ ilaalti. Viidiyoo sana gochatti jijjiiruuf sardaman. ‘Mobile’ isaanii achuma soofaa gubbaa kaa’anii kutaa ciisichaa seenan. Uffata isaanii baafatanii siree koran. Wal habbuuqqachuu itti fufan.

‎Isaanumaa sana gochaa jiruu abbaan manaa tasa dhufe. ‘Mobile’ soofaa irratti argee, kutaa ciisichaa jarri hin cufatiin turan gaafa ol seenu, hiriyaa inni baay’ee amanatuufi haati manaa isaa tapha biraatti jiru. Akkuma isa arganiin wareeranii lafa lixan wallaalanii ol jedhanii sireerra tataa’an, qullaama isaanii. Abbaan manaa sun baay’ee aare. Waan godhus wallaale. Saanduqa cinasaa ture keessaa ‘shu-gguxii’ fudhatee adda isaaniitti qabe.

‎Uffata isaanii fuudhee, “Hoodhaa uffadhaa!” isaaniin jedhe. Ni uffatan. Hiriyaan isaa sun sireerraa bu’ee jilbeeffatee isa kadhate. Haati manaasaa akkuma salphinaan mataan lafa ilaaletti jirti. Shu-gguxii isaa akkuma adda hiriyaa isaatti qabeen, “Sin a-jjeesuu hin sodaatiin!” ittiin jedhe. “Sin a-jjeesu garuu, waanin godhi siin jedhe hin gootu yoo ta’e reeffa keetu mana kanaa baha!” jedheen. Diyaaspoorichi tole jedhee itti walii gale.

‎“Gubaa miira keetii qabbaneeffachuudhaaf utuu ‘shaar-muxaa’ mana hoteelaa wajjin buluu deemtee birrii meeqa kaffalta?” Abbaa manaadha.
‎“Takkaa shaar-muxaa bitadhee hinbeeku” Diyaaspooricha.
‎“Utuu shaar-muxaa wajjin bultee birrii akka kaffaltuwoo beektaa?” abbaan manaa ittuma fufe.
‎“Birriin akka kaffalamu nan beeka!”
‎“Egaa, ammas gatii haadha manaa koo wajjin ciifte birrii naaf kaffali”
‎“Maaloo maaliif akka goota?”
‎“Waanin godhi siin jedhe hingootu taanaan akkan si a-jjeesu sitti himeen ture!” Abbaa manaadha.

‎Diyaaspoorichi giipha isaa bitaa mirgaa ‘barabbaree’ birrii 200 qofa argate.
‎“Gatiin haadha manaa kootii birrii 200 qofaa?” Abbaa manaadha.
‎“Kanuman of harkaa qaba” Diyaaspooricha.
‎“Tole. Isuma kenniif”
‎“Eenyuuf?”
‎“Haadha manaakoo ishee wajjin ciifteefikaa. Qodaan ati itti fayyadamte kan isheeti mitimoo? Kenniif gatii ishee!”

‎Haati manaasaa waan ta’aa jiru obsuu dadhabdee ol fuutee iyyite. Du’ammoo waan sodaatteef birricha harkaa fudhachuuf dirqamte. Sana booda Daawwit, hiriyaa isaa sanaan, “Dafii mana kanaa deemi” jedheenii ari’ate. Diyaaspoorichis ni deeme.

‎Gara haadha manaa isaatti deebi’e:

‎“Birrii silaa sana fidi” isheedhaan jedhe. Itti kennite. Akka isheen uffattee siree irraa kaate itti hime. Ni kaate. Gaafa isheen ol jettu kondomiin sireerra jira. Kondomii sanaafi birrii 200 sana harkatti qabatee, haadha manaa isaatiin akkana jedhe: “Ani sin a-jjeesu. Sin ari’adhus. Ati kabajamtuu haadha manaa kooti. Akkanumatti wajjin jiraanna. Garuu, waanin ’hin godhiin’ siin jedhe yoo goote gaaf sana sin a-jjeesa”. Itti walii galan.

‎‘Frame’ bitee fidee, birrii 200 fi kondomii sana keessa godhee keenyan mana isaanii iddoo mul’aturra kaa’ee, haadha manaa isaa sanaanimmoo, “Guyyaa gaafa ‘frame’ mana asirraa fuutee du’akee ta’a!” isheedhaan jedhe. ‘Frame’ sun akkuma fannifametti, kondomii tokkoofi birrii 200 baatee mana isaanii jira. Daawwit haadha manaa isaa sana kan duriitiin ol ishee kunuunsuu itti fufe. Balleessaashees lammata deebisee itti kaafne.

‎Firri isaanii, maatiin isaanii, hiriyootni isaanii gaafa mana isaanii dhufan yeroo hundumaa gaaffii tokko isaan gaafatu:

‎“Kondomiifi birriin fannifamee jiru kun kan maaliiti? Gaaffii namoota mana isaanii dhufanii. Daawwit hindubbatu, isheenis hin dubbattu. Gaaffiin namoota mana isaanii dhufan hundumaa garuu, ittuma fufaadha: “Kondomiifi birriin ‘frame’ sana keessa jiruu kan maaliiti?” Haati manaansaa turtii yeroo muraasaa booda ofumaa of fa-nnifte.

‎Wanti Daawwit godhe sirriimoo sirrii miti jettu?🍷🚶


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back To Top