Biyyi lafaa…!
Yeroo baay’ee jireenyi kun madaallii ishee eeggachuu diddi. Waan har’a qabnu qananiinee akka itti hin gammanneef, yaaddoo borii, soda waan dhufuuf jiruun nu mudditi. Abdiis nama kutachiifti; waanuma amma qabannu nutti fakkeessitee, akkuma tasaa harka keenyaa baatee, deebitee qullaa nu hambisuuf ariifatti. Nuti immoo ‘bor nan guuttadha, bor nan boqodha’ jennee osoo of sossobnuu, umuriin keenya inni gabaabaan sun fiigichuma keessatti dhuma.
Gaddaafi gammachuun ishee, quufaa fi beelli ishee wal makaadha. Osoo jirruu jiraachuu nu dagachiifti. Mi’aa jireenyaa, qananii fi boqonnaa sammuu, akkasumas jaalala firaa fi maatii dhandhamachuu irraa nu fageessitee, dhiphinaa fi yaaddoo keessa nu oolchiti. Osoo nuti “har’a rakkadhee boran tola” jennee ammayyuu fiignuu, umuriin keenya ishuma qabnu tanaayu nu jalaa fixxeetti.
Dhumarrattis, osoo nuti golgaa ishee guutuuf yaalluu, isheen garuu dhangalaastee, osoo nuti boqonnaa hawwinuu, isheen fiigicha itti fuftee, dhuma irratti osoo hin beekamin, osoo hin qophaa’in, fiigichuma sana gidduutti umuriin keenya xumuramee, jireenyi nuti hiika ishee dhabne sun achumatti gollabamti. Kanaaf, biyyi lafaa tun hin guuttu; nama guuttachuu yaalus ni dadhabsiisti malee hin boqachiistu.
Waan qabnuun osoo hin gammadne, waan hin qabne duukaa fiigaa, jireenyi keenya akkuma bubbee utuma dhuftuu baddi. Dhugumatti, biyyi lafaa tun gola hin guunne, mana hin qaqqabamnee fi abjuu nama dadhabsiisu dha. Fiigichi ishee fiigicha maraatummaati, dadhabbiin ishee ammoo hixannoo hin dhumne dha.
Kanaafuu, furmaanni fiigicha dhuma hin qabne kanaa, dhaabbannee ‘amma’ keenya isa harkaa qabnu dinqisiifachuu dha. Gammachuun dhugaa kan argamu waan bor dhufu eeguu keessa osoo hin taane, daqiiqaa har’a arganne kana jaalalaan jiraachuu fi waan qabnuun galateeffachuu keessatti argama. Bor hin beekamu, kaleessi darbeera; kan keenya sirriitti dhandhamachuu qabnu har’uma qofa.
Egaa, jireenya hiika qabeessa jiraachuuf, nagaa keessoo keenyaa dursa haa laannuuf. Qabeenyi inni guddaan quufa sammuu fi jaalala nuti har’a waliif qoodnuudha. Osoo lafti hin dhihin, osoo carraan jiruu, fiigicha lafaa kana xiqqoo laaffisnee, hafuura baafannee, jireenya nuuf kenname kana haa dhandhamnu; jireenyi dhandhama ishee kan kennitu warra tasgabbaa’anii jiraataniif qofa.

Eenyutu beeka? Inni har’a fuula ifaan isin kolfisiisu, kolfa keessaniif kolfu, inni qoosee isin taphachiisu, isiniif taphatu kun, tarii imimmaan isaa kolfaan haguuggatee, gubaa garaa isaa dhoksaa kophummaan hasaasu kun, boru nan sokka ta’a! Eeyyee, boru maaltu akka uumamu, yookiin immoo animmoo boru kana arguuf carroomuu koo eenyutu beeka? Tarii isumayyuu hanqachuun, tasa dhabamuun ni jira. Namoonni har’a waliin nyaattee dhugdee taphattu, warri “lubbuukoo” waliin jedhanii si mararfatan, warri “tasuma ni duuta” jedhanii sammuu isaaniitti hin yaanne sun, gaafa tokko rifaatuun of nyaatu ta’a. Hin eegneka; tasumaa gaafa namuu si jaallatuu fi sitti dhihaatu, bara jireenya isaa guutuu si waliin dabarsuuf karoorfatu, ati garuu tasa maayii jireenyaa gootee, addunyaa isaanii keessaa libsuu ijaa takkaan baduuf jirta ta’a.
Gaafa sana, gaafa qaanqeen jireenyaa dhaamtu, baay’een isaa ni rifata; garuu immoo baay’een isaa waa’ee kee haasa’uuf carraa argata. “Ebelu nama akkasii ture; jabaa namaati, hin tattaafata, namaaf kabaja laata; gara laafessa, a’aa anaani ekeleekoo maali guyyaan abaaramtuun akkasii?” jedhee haasa’uu eegala. Silaa gaafa jirtu eenyumtuu dhukkubbii kee isa dhokataa sana siif hin beeku, gaafa ati deemtu garuu, akka waan sitti dhihaachaa turanii fi akka waan rakkoo kee beekaniitti, seenaa kee haasahuun dubbii ittiin mi’eeffatu. Firaa fi alagaanis walitti dhufee, aadeffatamaaf jecha imimmaan ija gubbaa siif buusa. “Maaliif boo’uufii didee? Wal lola qabumoo?” jedhanii akka maqaa si hin balleessineef, dirqama gadda uffatanii siif boo’u.
Ati garuu hin jirtu; madaa kee dhokfattee, dhukkubbii kee marattee deemteetta; bakka deebiin qabne, bakka hunduu hin hafne sana qajeelteetta. Addunyaa ishee abjuu, ishee boru mitii har’umayyuu jiraachuu keenyaaf wabii hin qabne tana, ishee jiraachuuf jennee waan meeqa taanu, ishee dhiphuun boquu nu cabsitu tana keessatti, namni ija namaa ilaaluu sodaatee guutuu of fakkeessee jiraata. Qaawwa isaa dhokfachuuf, dhukkuba isaa dhokfachuuf, kolfaan of haguugee, keessi isaa otoo gubatuu “ani naguma” jedhee of gowwomsaa darba. Dhugumatti, jireenyi abjuudha!
Dhumarratti, hundi keenya keessummoota; har’a teenyee bor kaana. Wanti nurraa hafu gaarummaa nuti facaasne qofa. Hanga guyyaan keenya gahutti, hanga biyyoon biyyoo ta’utti, dhugaan jiraannee, dhugaan wal jaallannee, seenaa gaarii haa dhiisnu. Jireenyi abjuudha jenneerra mitii? Egaa abjuu keessa hanga jirru, abjuu mi’aawaa waliif haa taanu; yoo xiqqaate gaafa hirribaa dammaqnu gaabbiin akka nutti hin dhagahamneef.
INSTALL