Protecting the Right to Love

Protecting the Right to Love

Akkam jirtu, obboleettota kiyya shamarranii? Ani obboleessi keessan nagaadha!

‎Har’a akka torban darbanii barreeffamni dheeraan hinjiru. Garuummoo, waanuma gabaabduu isiniif taatu, gorsa xinnoo tokkoofi gaaffii isiniif qapheen jira.

‎Hiriyaakee dhiiraa (Jaalalleekee), nama borummoo “Abbaa manaa naaf ta’a” jettee wajjin jirtu sana, hammam amanta? Simalee durba biraa waan hin haasofsiifne, waan sirratti hin deemmanne wayii sitti fakkaataa? Mee qorii ilaali. Qorumsi shakkii miti; caalatti wal amanuuf gargaara. Dhiira, “Yoo nan amantu ta’e badi! Na shakkitaayii? Waan na shakkituuf kana goota!” siin jedhu wajjin yerookee hingubiin. Kanaafuu, hamma booda akkana godhi.

‎Torbanoota darban, “Saalquunnamtii gochuu didi, ammoo suuraaleefi viidiyoowwan safuu cabsaniifi si salphisan itti hin ergiin!” siin jedheen tureemii? Dhiira sababa ati, “Amma booda hanga gaahila keenyaatti ‘sex hingoonu” jetteef qofa sidhiise battaluma sanatti dhiisi. Inni durayyuu kee hinturre. Dhiira qullaa suura keetii si gaafatee waan ati erguufii didde qofaaf si dhiise irraas fagaadhu. Innis kee miti. So, hamma ‘sex’ gochuus ta’ee qullaa suura keetii itti erguurraa of qusatteettaa mii? Mee ammammoo akkana godhi.

‎Jaalalleekee gaafa wal argitan bilbilasaa harkaa fuudhiitii, miidiyaa hawaasaa inni fayyadamu hundumaa seeniitii namoota inni wajjin haasa’u ilaali. Miidiyaawwan hawaasaa kanneen akka ‘Telegram, Imo, Facebook, Instagram, gallery, TikTok’n isaa hundumtuu banaadha moo, ‘password-dhaan hidhatee jira laata? Hidhatee jira yoo ta’e, “Maaliif hidhate laata?” jedhii of gaafadhu. Yeroo ati bilbilasaa harkaa fuutee ilaaluu eegaltu eeyyamamaa hinta’u, akkasumas immoo bilbila isaa sibiratti gatee deemuu hinjaalatu yoo ta’eefi, sitti kennuuyyuu kan sodaatu yoo ta’e nyaatamteettaa, dafii of furi.

‎Hordofi. Hordoffiin amanamummaa hin hir’isu. Bilbila jaalallee keetii harkaa fuutee namoota inni wajjin haasa’u ilaaluun siif eeyyamamu taanaan, mee maalumsaa amantee wajjin jiraatta? Atoo qullaa keeyyuu of dhaabdee, qaama keeyyuu daawwachiisaa wajjin ciiftawoo, sababni inni qullaa ‘mobile’ isaatii si dhoksuuf maali?

‎Dhiira boru siin taane adda baafachuufi, dhiirri tokko akka inni ‘cheat’ sirratti hingoone eeguu yoo barbaadde, ‘mobile’n harka isaatii qofti iyyuu furtuu guddaadha. Innuummoo gahaa miti; suuta suutan isiniif hima. ‘Gallery’ isaa seeniitii suurota ilaali. ‘Inbox’ isaa galiitii shamarran inni wajjin haasa’u eenyu eenyu akka ta’an ilaali. Maal akka isaan haasa’an dubbisi.

‎Egaa kun takaallaa mitii beeki. Yoo inni, “Waan na shakkituuf kana goota!” siin jedhe, atimmoo, “Waan of shakkitu erga hinqabaannee maaf na dhoksita?” jedhiin. Bifa kanaanis dhiira siqofaa wajjin ‘chimchim’ godhu adda baafachuu dandeessa.

‎Caaffanni qulqullaa’aan iyyuu, “Qoraa ilaalaa!” jedhawoo! Qoranii ilaaluun amanamummaa hin hir’isu, mallattoo shakkiis miti. Ammoo dhugaa walitti himuun firooma adda hin kutu! Mee Lukkuu armaan gadii kana hunadhuu ilaali.

Namaa bineensa hinqabu bar Shamarreen tokko qixa barbaachisuun ol dhiira sodaachuun dhumnisaa hinbareedu. Yoo inni si dideyyuu ija itti babaasii mormasaa hudhii qabiitii, “Fidi mobile kee!” jedhiin!

‎Akkuma duriikoo Ganama hirribaa dammaqee Haadha manaakoo hammachuuf yeroon itti galagalu of biraan dhabe. anoo Xiqqoo Akka aaruu ta’een dhiise. Ammagaa yoona maaltu si aarsa Jetta mitiiree? Miira ganamaa Sanaa Isa argetu beeka firako.egaa anoo Ijoolleef ciree hojjechaa jirti jedhee yaadee deebi’ee rafuuf yoon jedhu waraqaa cittuun tokko iddoo hin baratamne boraatii ishee irra kaa’ameera. Akka armaan gadiitti dubbifama.

‎“Ani sababa hojiif guyyaa sadiif gara Awuurrooppaa deemeera. Hirriba du’aaf jaallatu irraa sin dammaqsu jedheen nagaa sitti hin dhaamiin deeme. Ganama obboroo akka kaateen Caalaatiin dammaqsi…achii mana fincaanii dhaqi…achi deebi’ii Sooree dammaqsi…achii dhaqnakee dhiqadhu…achii yoo baatu Caalaan deebi’ee waan rafuuf dirqamaan dammaqsi. Wiixata wiixata cireen ani hojjedhuufi buphaa juusii wajjin waan ta’eef gara golaatti gori.

‎Ijoolleen dhaqna isaanii akkuma dhiqatanii ba’aniin uffata itti uwwista. Sooreef rifeensa ishee filtee dudduubatti hidhuu hin dagatiin…ijoolleen koo akka hin daalachoofneef dibata dibi. Cireerratti Sooreen waan rakkistuuf akka nyaattu itti dheekkami, diddes afaan kaa’i. Caalaaf kophee isa Nike diriif. Laaqana isaanii kanin dheengadda firiijii keessa kaa’e waan jiruuf har’aaf isuma ho’isii galaasiif.

‎Sarvisiin mana barnootaa yoo faaggaa afuufu balbala banii ijoollee gaggeessi. Ol deebi’ii uffata kee barbaadii uffadhu. Yoo dandeesse ciree ijoollee irraa hafe afaan kaa’adhu.
‎Sin jaalladha !
‎Rippaabilikii Dimookiraatawaa Federaalawaa Zimbabwetti Ministeera dhimma Waan hedduu, Haadha manaa kee Saaqqattuu Akkawaaq irraa”

‎It maybe part two Loading…

‎Odeefannoo gaggaariifi qoosaalee adda addaa argachuuf Naa’oo follow godhi darbi.

INSTALL

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back To Top