Understanding in Marriage
Yaada dhuunfaakoo
Namni tokko gaafa wal fuudhuu durduuba isaarraa seenaa gara garaa qabaachuu mala, namoota amma wal fuudhanii jiran keessaa 80%++ ol kan fuudhan ykn kan itti heeruman hiriyyaa jalqabaa kaasanii wal jallatan miti, jireenyi carraa miti kennaadha, atumti inni hin fuudhiin jirtu kun iyyuu yoo xiqqaate hanga ammaa dubara 3 hanga 10 ol jaalattee jijjiirteetta, bor immoo abbaa ati fuutu ykm immoo abbaa ati itti heerumtu Waaqayyootu beeka, amma isa ammaa kana nama nan fuudha jettee faana jiraachaa jirtu qabaachuu dandeessa garuu nama Waaqayyoo wajjin bishaankee fi midhaankee tokko godhu immoo hin beektu,
Wal jaallachuun waan haaraa miti wal dhiisuunis waan haaraa miti. Nama har’a jaallatte jirtubkana dhiistee bor nama biraa faana gaayila dhaabbachuu dandeessa, gaafa sana jaalalleewwankee ati dur faana turte yoo hiriyyaakoo turte/ture jedhan maaltu sitti dhagahamaa? Booniin nama jaallattee turte qabaachuu dandeessi yoo fedha Waaqayyoo hin taanemmoo jaallatanii miti giddii gargar bahu, yoseef jaallatee turuu danda’a yoo fedha Waaqayyoo hin taane dirqamaan irraa adda baha, Amma as keessatti yoseef intala biraa jaallatee turuun isaa fi booniin dhiira biraa jaallattee turuun ishee maaliif haaraa ta’ee? Har’a baay’een keenya kan nuti gochaa jirru isuma kana mitii? Maaf dubbii kana ho’isuun barbaachisee? Kan biraa jaallatanii dhisuun isaanii maaf cubbuu isinitti fakkaatee? Ati amma ishee jalqabaa kaastee 1 jettee jaallatte qofaa faana jirtaa? Moo yeroo meeqa jijjiirteettaa?
Maaf kan jalqaba faana turte sana dhiistee?
Inni kan biraan immoo warri gaafa dhimmi abbaa manaa fi haadhi manaa tokko ajandaa ta’ee social media irraatti ka’u otoo ho’isuu dhiisnee gaariidha, wanti naaf hin galle gargar bahuu namaarraa bu’aan nuti buufannu maalidhaa? Erga jarri kun wal jaallatanii waliin jiraataa jiru ta’ee unuun maaltu nu ilaallaataa? Addumatti immoo namoonni irratti xiyyeeffattanii waan jara kana gargar baasuu danda’u maxxansaa jirtan bu’aa akkamii buufachuu barbaaddaniitudhaa? Ajandaamaa abbaa manaa fi haadha manaa gidduuyyuu wanti nu galchee gara -ve nu barreesisiisu maalidhaa? Yeroo baay’ee namoota tokko tokko nan arga, qaawwaa argatan fayyadamanii waan nama wal jaallachiisu caalaa waan nama sana wal jibbisiisu irratti xiyyeeffatu, yoo dandeessan yaada nama ijaaruu danda’u irratti xiyyeeffadhaa yoo dadhabdan callisaa kan jedhu dhaamsakooti.

Amma saa’atii kana booniin kan Yoseefidha akkasuma yoseef immoo kan booniitii, Yoseef intala jaallatee turuun isaa ykn immoo booniin dhiira biraa jaallattee turuun ishee immoo homayyuu rakkoo hin qabu, anuu kanan bor fuudhu hin beeku.
Namni yeroo jalqabaaf ajandaa kana kaasee garuu dogoggora guddaa qaba.
Silaa yeroo ammaa kana boonii fi yoseef abbaa manaa fi haadha manaa gaarii ta’anii jaalala dhugaatiin jiraataa jiru, maaf jara kana gidduu galuun barbaachisee? Addumattimmoo kan jarri kun lamaan natti tolan keessaa lamaan isaaniiyyuu nama hojiiti, baay’eema hojjetanii of- jijjiiruu irratti warra xiyyeeffatanii hojjetaa jiranidha, otoo ta’ee warra akkas hojiitti wal jajjabeessan adda baasuu irratti hojjechuu qabnamoo jajjabeessuu irratti hojjechuu qabnaa? Warri post hin taane post gochaa jirtan dhaabbadhaa of ilaalaa, gargar bahuu jara kanaa irraa bu’aan isin argattan tokko illee hin jiru, haa jiraatanii maal isin dhibee? Mana keessan kadhaa dhufanimoo? Lafa keessan irra jiraatanii isinitti dhiphisanii?
Gurbaan dur boonii jaallattee turte sunis Abshir Waaqayyootu isheetiin kankee hin goone, namni Wal jaallachuunis gargar bahuunis waanuma jirudha, yoo akka haadha manaakeetti baasii irratti baastee jiraattee kasasii irraa fudhadhu.
Waaqayyo nama si jaallattuu fi nama kankee taate siifis ni kenna. Akkasuma ati isheen yoseef jaallattee turte sunis jabaadhu, Nama jaallatan hundatti heerumu miti, nama gaaffii jaalalaa nama gaafatee nama faana jiraate hundatus nama fuudha miti, nama Waaqayyoo waliif kennaa godhee kenne qofaatu waliin jiraata, baqqaa yoseef kankee miti kan booniiti, erga isaan wal jaallatanii jireenya sirrii eegalanii gidduu galtee jeequu dhiisiitii atis kan Waaqayyoo siif kenne faana gara gaayilakeetti deemi, waanti amma miidiyaarra deemaa jiru kun yoseefiifii boonii caalaa siin miidha, yoo xiqqaate isaan waliin gaayila dhaabbatanii jireenya keessa jiru, ati garuu ganaa nama gaayila dhaabbattudha, maqaankee gama kanaan takkaa bade taanaan miidhaman suma ta’a, maqaan badee fi mataan bade hin galu jedhu mitiiree? Atimmoo mucaa dubaraati waan taateef otoo waanta sana gara miidiyaatti baasuu dhiistee obsitee dabarsiteetta ta’ee gaarii ture.
Bor gaafa heerumtus maqaa gaariin akka heerumtuuf si fayyada ture, it maybe baay’ee jaallatta ta’uu Malta, haa ta’u garuu inni sin jaalladhu jedhe taanaan namichi kankee miti, atis qosxon jedhii kan biraa barbaaddadhu, maaltu beeka yoona Waaqayyoo nama yoseef caalaa si jaallatuu fi si hubatu siif kennuuf jechaa jira ta’a mee irratti kadhadhu. Nama siin dhiisee kan biraa fuudhe miti, nama otoo si faana jiruu waa’ee dubara biraa odeessurraayyuu maal fuutaaf gara isaa ilaaltaa?
Social media kana irratti baasuun oduuma dabalachuu fi maqaa of balleessuurraan ala bu’an asirraa argamu hin jiru, of qabuun gaariidha
Boonii fi Yoseef isin immoo Ajandaa asirratti ka’u hundaaf deebii deebisuu dhiisaa, callisaa hojii keessanii fi jaalala keessan itti fufa.
Yoo xiqqaate warra waa’ee keessan odeessurra jajjaboo taatanii argamuu qabdu, Waanuma asirratti waa’ee keessan barreeffamu illee hin dubbisiinaa, namni kaan -ve kaan immoo +ve waan barreessuuf callisaa irra darbaa.
Yaada asirra jiru kamiyyuu hin fudhatiinaa, akka mana keessanii fi akka mataa keessaniitti jiraadhaa.
Namni Waanta barbaade haa odeessu oduu namaaf gurra hin kenniinaa.
Yeroo dhiyootti immoo Abbaa ilmaa fi Abbaa intalaa akka Waliin taatan hawwiikooti.
Yoon dogoggore na ofkalchaa