“Yeroon hin qabne ishee na hin dhiisne, yeroon qabutti ishee hin dhiisu!”

Bereket Bekele ( Kim Bifida ) jedhama. Sababa miidhaan lafee dugdaa(የአከርካሪ አጥንት) ijoollummaa isaa irra gaheen, walitti fufiinsaan yeroo hunda Daayiipperii fayyadamus, qormaanni uumamaa kun milkaa’ina guddaa fi jaalala dhugaa akka hin arganne isa hin gufachiifne.

Dhiheenya kana Muummee Narsiitiin Digirii isaa jalqabaa eebbifamee waancaa kan argate Bereket, seenaa jaalallee isaa, kan imala humnaa kana hunda duuba jiruu fi yeroo rakkinaatti isa hin dhiifne, haala namoota hedduu abdii namaaf kennuun ifa godheera.

Seenaan jaalalaa ajaa’ibaa kun osoo Bereket miidiyaa hawaasaa irratti beekamaa ta’ee xiyyeeffannaa namootaa hin hawwatin dura dura jalqabe. Bereket osoo jaalala ishee waliin hin jalqabin waa’ee dhukkuba isaa fi Daayipperii akka fayyadamu bal’inaan itti himus, bifa qaama isaa caalaa keessa isaa fi humna isaatiif dursa kenniteetu isa cinaa dhaabbachuuf murteessite.

Yeroo Bereket dadhabee fi abdii kutatu kan jajjabeessitu, qormaata dhukkuba isaa waliin dhufee isa mudatu, Inumaayyuu yeroo tokko tokko immoo, paadiiwwan qulqullinaa akka jijjiirratu kan isa kan yaadachiiftu ishee ta’uu irra deddeebiin dubbata.

Kan isaan walbaran Telegram dhaan ture. Guyyaa jalqabaaf wal argan isa inni Okkolu agartee naatee turte. Dhukkubasaa Daayipperii isa fayyadamaa jiru gaafa itti himus deebistee miira jijjiiramaa hin qabaanneef. Murteessiteema itti hafte!

Amma Bereket karaa Social media jaalalaa fi deeggarsa argateera. Beekamtiisaa faana gaaffiin gaa’elaa fi dinqisiifannaan hedduun itti roobus, inni garuu “Yeroon hin qabne ishee na hin dhiisne, yeroon qabutti ishee hin dhiisu!” jechuun amanamummaa fi kabaja jaalallee isaaf qabu ifatti agarsiiseera.

Seenaan kun barumsa jireenyaa ajaa’ibaa jaalalli dhugaan meeshaalee fi dandeettii qaama akka caalu kan mirkaneessu fi haala kamiyyuu mo’uu akka danda’amu, seenaa haala dinqiitiin barsiisuudha.

Hubachiisa!

Seenaa kana ganama gabaabsee maxxanseen ture. Seenichi gidduu kana irra deddeebiin Sooshaal Miidiyaarra deddeebi’aa waan tureefan gadi fageenyaan hin ibsine. Beekamaadha jedhee waanan yaadeefi. Garuu namoota maxxansakoo share godhanii maxxansan jalatti itti qoosaa jiran baay’een arga. Akka waan inni jaallatee Daayipperii fayyadamaa jiruutti. Isiniif haa dhiisu! (Isaafan gaddee ammas kana itti dabalee maxxanse). Kanaafan irra deebiin maxxanse galatoomaa! Dhugummaa seenichaa warri shakkitan, YouTube EBS irraa guutuusaa argachuu dandeessu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back To Top