KANA BEEKTUU LAATAA?
Qubeellaan maaliif harka bitaa quba 4ffaa irratti godhatamaa?
Akkuma beektan namoonni walitti dhufeenyi jaalalaa gidduu isaanii jiru waadaa waliif galuudhaaf jaalala isaaanii sana cimsuudhaaf mallattoodhaaf akka ta’uuf jecha wanuma humni isaanii danda’een gosa qubeellaa tokko bitanii walitti kaa’atu.
Keessattuu gaafa cidhaa misirroo lamaan waadaa baay’ee erga waliif galanii booda qubeellaa babbareedduu qopheeffatan sana fuula uummata sana fi waaqayyo duratti harkaa bitaa quba arfaffaa irratti waliif kaa’u.
Aadaan kun biyyoota garagaraatti garagarummaa qaba. Biyya keenyatti harka bitaatti yoo godhatamu biyyoota biratti immoo harka mirgaa irratti godhatama. Fknf biyyoota akka.
👉Ruusiyaa
👉Jarman
👉Norway fi
👉Hindiitti harka mirgaa irratti godhatama. Kan isin dhibu biyyoonni kun nama qubellaa harka bitaa irratti godhate akka carra dhabeessaatti ilaalu. Akka biyya keenyaa kana utuu ga’ela hin dhabbatiinis qubellaa waadaa walitti hin godhatan. Gaafa cidha isaanii ykn gafa mana tokko keessa jiraachuudhaaf murteessan harka mirgaa irratti waliif godhu.
Biyya Iswiidinii fi biyya Chile jedhamu keessatti immoo amma gaafa wal-fuudhanitti qubellaa waadaa harka mirgaa quba 3ffaa irratti waliif kaa’u. Erga wal fuudhanii immoo qubeellicha harkaa bitaa quba 4ffaa irratti naanneffatu.
Biyya Chaayinattii jaalalleewwan wadaa waliif galuudhaaf ykn wal fuudhuudhaaf qubeellaa hin fayyadaman. Dhiirri tokko durba tokko fudhuudhaaf maallaqa fi meeshaalee garagaraa isheen jaallattu fidee dhufee durashee kaa’ee “Natti Heerumtaa?” jedhee gaafata. Isheenis meeshawwanii fi maallaqi inni dhiyeesse yoo ishee gammachiise “eeyyee” jettee waadaa waliif galu.

Biyyoota Afriikaa tokko tokko keessattis garagarummaa qaba. As ollaa biyyaa keenyaa kan taate kaaba keeniyaa kessatti jaalalleewwan lamaan cancala sibiilarraa hojjatame morma isaanitti walif kaa’u. Hikaan isaas sif “lubbukoon sif kenna sirra adda ba’u mannaa sibila kanaan of ajjeesuun filadha” jechuudha.
Gara biyya keenyatti yoon dhufu hiikan harka bitaa quba arfaffaa irratti qubeellaa waliif godhuu maalidha?
Namni baay’een calluma jedhee qubeellaa quba kanarratti baatee deema malee hiika isaa baay’ee hin beeku.” Maaliif qubeella quba kana irratti godhatte maaliif isa kaanirratti hin godhatiin” jedhamanii utuu gaafataman,
“Quba kana irraa baay’ee bareeda” kanaafidha jedhu
kaan isaanimmoo ” aadaa biyya keenyaadha garuu hiikaa isaa hin beeku aanifiyyuu gaaffiidha ” jedhanii deebisu.
Hiikan inni sirriin garuu
Aadaan kun aadaa warra Room duriiti. Warri Room quba kana akka addaatti ilaalu. Sababni isaas Hiddi dhiigaa quba 4ffaa kana irraa ka’ee kallaattiidhan gara onnee deemutu jira. Maqaan hidda dhiigaa kunis ‘Vena Amoris jechuunis Vein of Love’ jedhama. Inni kun quba warra kaanirra adda taasisa. Kanaaf yeroo jaalalleewwan lama quba 4ffaa irratti qubeellaa waliif kaa’an ” Waadaakoo karaa quba kanaa Onneekeetti hidhadheera” jechuu isaaniti, malee calluma jedhamee bareedinaaf godhatama miti.
Ati amma hiikasaa barteetta.Hiiriyyootakee fuudhuuf ykn heerumuuf jedhan ykn jaalallee qaban ykn qabachuuf jedhan sanaafimmo #SHARE godhiif.