The life of the girls
Hiikaan addunyaa kanaa Shamarree bifa miidhagaa hin qabnee fi #Dhiira maallaqa hin qabne qofaaf waan galu natti fakkaata. Keessumattuu dhiiraaf dacheen kun gara jabeettidha, namuu salphaatti hin hubatuuf; shamarreenillee akkasuma dhugaa hadhooftuu kophummaa fi tuffii keessatti dhandhamti. Isaan kun lamaan, qullaa jireenyaa isa dhugaa sana argu. Dhiira harka qullaa ta’eef, guyyaan halkan, ifni immoo dukkana…