Life is like a cycle
Biyyi lafaa…!Yeroo baay’ee jireenyi kun madaallii ishee eeggachuu diddi. Waan har’a qabnu qananiinee akka itti hin gammanneef, yaaddoo borii, soda waan dhufuuf jiruun nu mudditi. Abdiis nama kutachiifti; waanuma amma qabannu nutti fakkeessitee, akkuma tasaa harka keenyaa baatee, deebitee qullaa nu hambisuuf ariifatti. Nuti immoo ‘bor nan guuttadha, bor nan boqodha’ jennee osoo of sossobnuu,…